Booranatti hoomaan Awwaannisaa mul’ate

Kibba Oromiyaa Booranatti hoomaan awwaannisaa mul’achuun yaaddoo uume.

ODM: Adooleessa 8,2024

Hoomaan Awwaannisaa kibba Oromiyaa godina Booranaatti mul’achuun yaaddoo uumaa jiraachuu gabaafame. Awwaannisni kun Keeniyaa irraa dhufe jedhamuun eeramaa jira.

Akka gabaafametti taanaan Godina Booranaa aanaa Dirree ganda Magaadootti kan mul’ate hoomaan awwaannisaa midhaan hawwaasa harkaa fixa jedhamuun yaadda’ameera

Hoomaan awwaannisaa kaaba Keeniyaa irraa dhufe kun oomisha gahee fi oyiruurra jiru irratti miidhaa akka hin geessisneef hawaasni of eeggannoo irraa eegamu gochuu qaba jedhamuun dhaamameera

Kana malees, qaamni dhimmi ilaallatu yeroon tarkaanfii barbaachisu fudhachuun miidhaa dhufu hambisuuf hojjetamuu akka qabu gaafatameera.

Awwaannisni Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti bifa weeraran miidhaaniif ooyiruu qote bulaa hubaa turuun nii yaadatama.

Share this on: