Masqalli Oromoo kan bara kanaa kaleessa kabajame
Masqalli Oromoo Oromiyaa bakkeewwan hedduutti kabajame
ODM: Hagayya 19,2024
Baatii Hagayya kana keessa kan kabajamu Masqalli Oromoo guyyaa kaleessaa ayyaaneffatame. Ammasqala akkasuma Masqala ka jedhu ayyaana Oromoon hedduu jaallatuuf kabajudha. Ayyaana kanatti intalti Eerumte mana warra ofii hin hanqattu.
Seenaa Oromoo keessatti sirnooti Impaayera Itoophiyaa rakkoowwan gurguddaa isaa saba keenya Oromoo irraan gahan kesssaa tokko guyyoota ayyaanaa waliin dhahuudha.
Akkasumas ayyaana Oromoo maqaa jijjiiruun fudhatanii dhimma itti bahachaa turuun illee miidhaawwan sirna Impaayera Itoophiyaatiin Oromoo irra gahaa turan keessaa isa olaanaa ta’uuti himama.
Uummatni Oromoo ayyaanota gurguddaa kabajataa tureera. Ayyaanota isaa keessaa Ammasqala yookaan Masqala jedhamee kan waamamu isa tokko.
Akka maanguddootni tokko tokko jedhanitti achii as dhuftee Masqalaa wayiita dubbatan jecha “Ammas Qalaa” jedhu irraa madduu isaa eeru. Kun qabatamaatti beekamuu baatus yeroo ammaa hawwaasa hedduu biratti Masqala Oromoo jedhamuudhaani kan kabajamu.
Uummatni Oromoo haala qubsuma isaa keessatti qabiyyee lafaa barbaachaaf laga ce’ee hanga lafoota qaqqabatee irra jiraatu irra gahaa ture. Seenaan ayyaana kanaa wayiita dubbatamu, sirna ittiin wal gaggeessaa ture keessatti Oromoon waggaatti kan wal argu qaba ture.
Ayyaanni kun ganna fodooddoo keessa kan qabamu ta’uu kan eeramu, bar tokko ayyaana kana kabajuuf qalmi qalamee, qophiin adda addaa godhamee bookaaf farsoon nam’ee uummata addaan faffageessuun ayyaana kana guyyan isaa bishaan guutuun akka uummatni wal hin argine taasise jedhama.
Kanaaf jecha erga bishaan hir’achuu jalqabee booda baatii Hagayya kana Ji’aaf urjii lakkaa’ee, Ammas qalaa nu waamaa waliin jedhe jedhama.
Haala kanaan maqaan ayyaana kanaa akka “Ammasqala” jedhamu ta’uu isaa namootiin himamsaan dhaga’an nii dubbatu.
Ayyaanni kun inni biraan kan ittiin beekamu (gara Wallaggaatti) nyaata Ancooteen yoo ta’u, kun ammoo aadaa hawwaasichaa isa jaallatamaa taasiseera. Ayyaana kana Ancootee dhuma qopheeffachuun akka dabarsan haala ayyaana kana ilaalchisuun kan himan jiru. Namni guyyaa ayyaana kanaa beela’u hin jiru. Mana nama kamii yoo seente Ancooteen qocqocaan sii laatama guyyaa quufaa jedhama.
Adeemsa ittiin ayyaanni kun Masqalatti jijjiirame kanneen ibsan ammoo maanguddoonni amantaan walitti hidhu. Kunis erga amantaan kiristaanaa biyya dhuunfateen booda, ilaalcha amantaan wal qabsiisuuf jecha “guyyaa Masqaliiin itti argame” jedhamuun Masqala akka jedhamu taasifamuu isaa eeru.
Kitaaboleen seenaa dhimma kana irratti xiyyeeffachuun ibsan keessumatti kitaabileen Taabor Waamiif qorattoota seenaan barreeffaman adeemsa maqaa ayyaanaaf maqaa lafa Oromoo jijjiiruu kana eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf kan taasifame ta’uutti ibsu.
Haala kana keessa darbuudhaan ayyaanni Oromoo kun maqaa isaas dhabee, guyyaa isaa irraas kaachuudhaan akka gara Fulbaana booda kabajamuutti jijjiiramuu isaa maanguddoonni Oromoo dhimmicha ibsan nii himu.
Godinaalee Wallaggaa garaa garaa keessatti ayyaanni kun guyyaa kaleessaa bifa ho’aan kabajamaa turuu isaa himameera.