Turtii Aadde Leensaa Tarfaa (MDH) Waliin Dhimma COVID-19

ODM Kutaa 150 ffaa Keessummaan keenya guyyaa hardhaa Aadde Leensaa Tarfaa MDH irraa ti. Tatamsa’ina Vaayiraasii Koronaa (COVID-19) to’achudhaaf maaskii fi fageenya gidduu keenya jiru eeguu akka qabnurratti dhaamsa Biiroo Fayyaa Minisootaa-MDH fi Giddu gala to’annaa dhukkuboota-CDC jabeessudhaan dubbatti.

Hiriira magaalaa Lakkuu fi kutaalee addunyaa biroo keessatti taasifamatti jiru kamirrattiyyuu Maaskii fayyadamu qabdu jechuudhaan waamichaa ishee dhiyeessiti.

 

Dhaamsa keessummaa ODM guyyaa hardhaa fi qophilee keenya gama Raadiyooodhaan hordofuu warreen barbaaddan immoo lakkoofsa +1518-906-1784 bilisaan bilbiludhaan nu hordofuu dandeessu.

Warreen iddoo biroo immoo gama YouTube, Website, Facebook, Instagram, Twitter fi marsaalee hawaasummaa biroodhaan nu hordofuu dandeessu. Oromo Diaspora Media-ODM

 

Share this on: