Foundation Haacaaluu Hundeessaa

  1. ODMedia Haadha Manaa Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa Fantuuf Oromiyaa Xiqqoo Minisootaatti simannaan ilmaan Oromoo MNtiin taasifame.Kaayyoon imala Aadde Fantuu Damisee “Haadha Wabii” inni ijoon diyaaspooraa waliin karoora fi kaayyoo Foundation #Haacaaluu_Hundeessaa irratti hawaasa MN waliin mari’achuudha.Abjuu Weellisaa Haacaaluu dhugoomsuuf kaayyoo Foundation kana tumsun baayyee murteessa akkas tahes odeeffanne jirra.Biyya Ameerikaa Kutaa Bulchiinsa Minisootaatti mariin Hawaasa guyyaa boru Onkoloolessa 21, 2023 Fridley High School karoorfame jira!Sagantaa kana karaa Oromo Diaspora Media fi Kello Media tamsaasa kallattiidhaan nu eegaa!Koreen qindeessituu miseensoota Waldaa Hawaasa Oromoo MN Oromo Community of MN warreen magaalaa Lakkuu Minneapolis fi St.Paul fi naannoosheef waamicha Oromummaa dhiyeessan jiru! Daawwannaa fi Mariin Aadde Fantuu kutaalee Bulchiinsa Ameerikaa adda addaa dabalatee biyyoota baayyee keessatti kan itti fufudha!
    #oromodiasporamediaodm
    #Haacaaluu
    #community
    #Minnesota
    #unitedstates
Share this on: