Obbolaa akkasuma abbaaf ilma dabalatee namooti 15 Sibuu Sireetti ajjeefaman.

Obbolaa akkasuma abbaaf ilma dabalatee namooti 15 Sibuu Sireetti ajjeefaman.

ODM: Eebla 16,2024

Oromiyaa keessa jiraachuun akkaan ulfaataa ta’eera. Inumaa qormaatni guddaan uummata nagaa mudatu yaaddoo bal’aa geessisuutti jira. Loltoonni mootummaa nama nagaa ajjeesuu hammeessanii jiraachuu gabaasaan eeraa jira.

Haala kanaan Godina Wallagaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Lalisaa yookan Mootoo bakka jedhamutti waraa-nni Xoophiyaa namoota nagaa 15 bakka tokkotti juumlaan lubbuu galaafate. Namoota bakka tokkotti ajjee-faman maqaan isaanii

1, Girmaa Waaqoo
2, Garoomsaa Raggaasaa
3, Garramuu Amantee
4, Galaanaa Garramuu abbaa fi ilma
5, Tamasgeen Baacaa
6, Birrisa Wadaajoo
7, Gaaddisaa Baay’isaa
8, Asaffaa waaqjira
9, Chuuchuu Fiixee
10, Raggaasaa fiixee obbolaa
11, Gamulaa fiixee
12, Fiqiruu Raggaasaa kan jedhaman yoo ta’u isaan kanaan alas kanneen maqaan ammaaf adda hin baane namooti sadii dabalatee walumaa gala namni 15 ajjeefamuu himame.

Sababa ajjeechaa kanaa gabaasa arganne irraa akka hubatametti WBO’n ganama kaleessaa naannichatti haleellaa waan gaggeesseef, erga lolli qabbanaa’een booda mandara hawwaasaarra deemuun nama qe’ee keessatti argan mara loltoonni mootummaa rasaasaan rukutaa turuu isaanii eerame. Kaan ammoo Waldaa keessaa baafamanii akka ajjeefaman odeeffannoon qabnu hubachiisa.

Qe’ee watwaannaa, boohichaa qofa taatee kan jirtu Oromiyaan guyyaarraa gara guyyaatti du’a naasisaa keessummeessuu itti fufteetti. Inumaa ajjeechaan naannicha keessaatti raawwatu akkaan baay’ee ta’uurraa eenyu akka du’eef namni meeqa akka ajjeefame lakkaa’uun baay’ee ulfaateera.

Share this on: