Balaan abiddaa naannoo Somaaleetti lafa dheedichaa gubuu himame.

Balaan abiddaa naannoo Somaaleetti lafa dheedichaa gubuu himame.

Akka gabaasaa argametti naannoo Somaalee godina Jarar aanaa Gaashamoo jedhamu keessatti balaa ibiddaa lafa dheedichaa irratti ka’e lafa margaa irraan miidhaa geessisuu barame. Ta’us balaan kun daddaffiin tohannaa jala ooluu danda’eera.

Balaan ibiddaa lafa dheedumsa bal’aa irratti ka’e kun kaleessa Waxabajjii 23,2024 waaree booda naannoo sa’aatii 9:00tti mudachuu ibsameera.

Balaa ibidda kanaa to’annoo jala oolchuuf yaalii sa’aatii jahaaf godhameen booda galgala naannoo sa’aatii 3:00tti to’annoo jala oolchuun akka danda’ame odeeffannoo kominikeeshinii naannichaa irraa argame ni mul’isa.

Bulchaan Aanaa Gaashamoo Musxafaa Hirsii, ibiddi kun lafa dheedumsa bal’aa irratti miidhaa qaqqabsiisuu eeruun ta’us miidhaa lubbuu osoo hin geessisin tohatamuu ibsame.

Share this on: