Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Hagayya 30 guyyaa namootni humnaan butaman yaadataman taasisuun

Guyyaa har’aa namootni humnaan as buuteen isaanii dhabamsiifame akka addunyaatti har’a yaadatamaa jiru

Akka addunyaatti guyyaan har’aa namoota humnaan ukkaanfaman kan itti yaadatamanii oolanidha.

Dhababanni Biyyoota Gamtoomanii UN waggaa waggaan, Hagayya 30, guyyaa namoonni humnaan dhabamsiifaman itti yaadataman ta’ee akka oolu murteesseera.

Kanas UN kora waliigalaa bara 1992 gaggeesse irratti Mudde 18 wayita eegumsa namoota humnaan dhabamsiifamanii ilaalchisee labsii baasu biyyoonni hunduu labsii kanaan akka waliigalan raggaasiseera.

Haata’u malee biyyoota addunyaa garaagaraatti humnaan namoota butanii dhabamsiisuun itti hammaataa dhufe malee hin hafne.

Keessattuu qaamoleen nageenyaa fi tika mootummaa namoota siyaasaa fi namoota dhiibbaa uumuu danda’an irratti xiyyeeffachuun dhabamsiisuun Itoophiyaa keessatti akkaan baramaadha.

Artistoonni, miseensonni jaarmiyaalee siyaasaa morkattoota mootummaa ta’anii fi rogeeyyiin dhiibbaa uuman saaxilamtoota tarkaanfii kanaati.

Akka labsii UN’tti humnaan nama butanii dhabamsiisuu kan jedhamu ”yoo aanga’oonni mootummaa, jaarmiyaaleen yookiin namoonni dhuunfaa mootummaaf hojjetan namoota butuun, hidhuun yookiin iddoo wayii dhoksuun mirga bilisummaa saanii irraa mulqaniidha.”

Qaamni mootummaa nama tokko humnaan ukkaamsee erga dhabamsiisee booda eessaa buuteesaa yoo dhokse, sababii kanaan mirgi walabummaa nama ukkaamfamee yoo irraa mulqame akkasumas yoo mootummaan gocha kana raawwachuusaa amanuu diduun egeree nama hidhamee golgaa seeraan ala godhe akka seera UN’tti humnaan nama dhabamsiisuu jedhama.

Hawwaasni Oromoo qabsoo bilisummaa taasisu keessaatti aarsaa qaqqaalii hedduu kaffaleera. Inumaa namootiin siyaasaa Oromoo hedduun as buutee dhabamsiifamuun baramaa dhufeera. Rakkina siyaasaa Itoophiyaa keessaa firamuun itti ulfaateen gameeyyiin qabsaa’ota Oromoo kanneen akka Nadhii Gammadaa, Jireenyaa Ayyaanaa, Dabbasaa Guyyoo adda durummaan kanneen maqaa dhahaman keessaati.

Isaan kanaa alatti namoota 200 ol bara Wayyaanee keessa as buuteen isaanii dhabameera. Bara bulchiinsa Abiyyi Ahemad keessaas namoota ukkaamsanii as buutee dhabamsiisuun inumaa akka malee hammaataa dhufuu maddeen adda addaa nii eeru.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *