Rory Curtis Balaan isa Qaqqabe

Rory Curtis: Taphataa kubbaa miilaa balaan booda of wallaale yoo dammaqu Afaan biraa haasawuu eegale

Gaafa Roorii Kartis balaa tasaan of wallaalee dammaqetti, eessa akka ture quba hinqabu ture. Akkamiin achi gales tasumaa hin yaadatu.

Taphataa gara fuuladuraatti Maanchistar Yunaayitidiif jifataa tahuuf abdii kan qabu tahuusaas tasumaa hin beeku. Inumaawuu balaa qaamasaa caccabsee daaraa godhe kana hin yaadatu.

Kartis lammii Ingiliiz yoo tahu, gaafa yeroo duraaf ijasaa banatee dubbachuu eegalu, Afaan Faransaay qaceellootti haasawuu eegale. Roriin Afaan kana wayita mana barnootaa turetti akka gosa barnootaa tokkotti barate – ergasiiyyuu dubbachuu irraanfateera.

Akkaataa fi haalli inni ittiin Afaanicha haasawaa ture, narsiin isa wal’aanaa turte ka biyya Faransaayirraa taate, abbaa isaatiin ”Biyya Faransaay naannoo kamirraa dhufe?” jettee akka gaafattu taasise.

Afaan Faransay akka dansaa hasawuun isaa kun garuu yeroo dheeraa hinturre, oggasuu bade.

Akka Kartis jedhutti ”Abbaan koo kana erga dhagahe boodad, qorannoo eegale.” Boodas achi-dhufteen maatii isaanii Faransaay naannoo Normaandii jedhamurraa akka tahe bira gahe – kun garuu bara 1800’moota keessa ture.

‘Osoo amma YouTube gubbaa galtee maqaakoo galchite, waan hedduu agarta. Yaadrimeewwan hin mirknaa’in (conspiracy theories) hedduutu jira – isaan keessaa sammuun namaa beekumsa dhaloota dabranii baachuu danda’a kan jedhu isa tokko,” jedha ‘Rory Curtis’.

Balaan konkolaataa kan qaqqabe ALA Hagayya 2014 keessa ture – guyyichi yandisee rooba ture. Kartis oggas gannisaa 22 ture.

Tapha kubbaa miilaa cinatti, hojii ijaarsaa hojjeta ture. Akkasumas digiriisaa gosa barnootaa saayinsii fi xiinsammuu ispoortiin barachaa ture.

Waan gaafas tahe inni waan takka hin yaadatu, haatahu malee gabaasa namoota balaa kana ijaan arganirraa walitti funaanuun maal akka uumame beekameera.

Kartis hojiidhaaf iddoo wahii dhaqee deebiyaa ture. Kan oofaa tures daandii guddicha M42 jedhamu sarara (lane) hedduu kan qabu irratti wayita tahu, sarara tokkoorraa isa biraatti yogguu geeddaruuf jedhuu, konkolaataan isaa cinaa konkolaataa fee’umsaan walitti bu’e.

Konkolaattoota walitti bu’an jaha keessaa kan saatu irraa caalaa miidhame, namni kaan miidhaan cimaa irra gahe hinjiru.

Lubbu-baraartonni caccabaa konkolaataa keessaa Kartis baasuuf, daqiiqaa 40 itti fudhate.

Gara hospitaala Barmingihaam argamutti geeffamee, guyyoota jhaaf ofwallaalee (koomaa keessa) ture.

Doktoroonnis Kartis dubbachuus miilaan dhaabbatee deemuus hin danda’u jechuun maatiitti himan.

Erga dammaqee booda wanti addaa isa mudate Afaan Faransaay bareechee dubbachuu qofa miti – umuriinsaa waljalaa dhawaa ture.

Umuriin isaa 22 tahee osoo jiruu, umuriin kiyya 10 jedhee amana ture. Haadha isaatiinis sareen keenya eessa jira jedhee gaafataan ture – sareen kun garuu waggootaan dura du’ee ture.

Kana malees, wanti isa mudate – taatoo fiilmii Hooliiwuud beekamaa ”Ani Matthew McConaughey’dha” jedhee dubbata ture. Siree hospitaalaa irra ciisees yoom akka hojii fiilmiitti akka deebiyu yaaduun daran cinqama ture.

Gaafa hospitaalaa bahus rakkoo waa irraanfachuun isa mudateera. Wanta yeroo gabaabaa dura tahe yaadachuu dadhabuun isaa garmalee waan hammaateef, daqiiqaa 15niin yaadannoo barrreessa ture.

Fakkenyaaf gochoota sasalphoo fakkaatan laaqana nyaadheera ykn qaama dhiqadheera jedhanfaa yaadannoosaa gubbaa kataba ture.

Balaan kun uumamee guyyootaan booda, Kartis Biriteenitti wallaansa yaalii hormonii argachuuf nama isa lammaffaa tahe- wallaansi yaalii kunis miidhaa sammuu irra gaheerraa akka dandamatu isa gargaara jedhamee jalqabame.

Yaaliin waggootaaf taasifames bu’a qabeessa tahuu Kartis fi maatiinsaa ragaa bahu, wallaansa kanas akka raajiitti lakkaa’u.

Doktoroonni isaas erga hospitaalaa bahe kubbaa miilaa akka taphanne gorsaniin – tarii ammas sammuussaarra miidhaan akka hin qaqqabneef jecha.

Ogeeyyiin sochii gochuu akka hin dandeenyeefi sammuun isaas guutummaatti hojjechuu akka hin dandeenye akeekaniis, Kartis waggaa tokko keessatti guutummaatti fayye.

Haala nama ajaa’ibuunis kilaba Stourport waliin kubbaa miilaa taphachuutti deebiye.

Kartis gara kubaa miilaa fi sosochii birootti deebiyuus, qaamni isaa akka duriitti ajajamuu dhabuusaatti hedduu aara.

Share this on: