Gabaasa COVID-19 Har’aa

Dhibeen yaaddessaa addunyaa tahe Covid-19 erga gara addunyaa kanaatti dhufee ji’a shanii fi torbaan lama lakkoofsiseera. Dhibeen kun biyya chaayinaa magaala Yuhaanitti gaafa Fulbaana 18, 2020 erga nama tokko irratti argameen booda biyyoota addunyaatti akka saffisa ifaa faca’eera. Biyya iddoo argama dhibee covid-19 kan taate chaayinaan dhibee kana irraa bayyaannattus biyyoonni achi irraa qooddatan garuu dhibee kanaan gatii guddaa kaffalaa jiru. Biyyoonni meeshaaleen wal’aansaa fi sirni fayyaa isaanii cimoo tahe kanneen akka Awurooppaa fi Amerikaa dhibee kana waliin wal falmii guddaa taasisanis hanga har’aatti Covid-19 mo’achuu fi to’achuu hin dandeenye. Akka toorri marsaareetii dhaabbata fayyaa biyya Amerikaa argisiisutti hanga guyyaa har’aatti namootti miliyoona lamatti siiqan dhibee kanaan kan qabaman yoo tahan namoonni kuma dhibba tokkoo ol immoo dhibee kanaan lubbuun isaanii darbeera. Namoonni hedduun kan dandamatan yoo tahu hangi nama guyyaa tokkotti dandamatuu baayyina namoota guyyaatti dhibee kanaan qabamaniitiin yoo wal madaallu, kan dandamatan xiqqaa tahee argama.

Biyyoota gaanfa Afrikaa keessaa tokko kan taateefi Teessoo Dhaabbata Gamtooman Afrikaa kan taate Itoophiyaan dhibee Covid-19 biyya ishee irraa ittisuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachaa turtus, dhibee kanaaf saaxilamuun isheef hin oolle. Gaafa Bitootessa 18 2020, nama lammii biyya Jaappan dawwannaa hojiif gara Itoophiyaatti imale irratti dhibeen balaafamaan kun tokko jedhee erga mul’atee mootummaanis tahe uummanni Itoophiyaa dhiphuu cimaa keessa galuun dhibee kana to’achuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhataniiru. Haa tahu malee akkaataa fi saffisni tamsa’ina dhibee kanaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemeera. Akka Ministeerri fayyaa Biyya Itoophiyaa Dr Liyyaa Taaddasaa ibsanitti hanga guyyaa har’aatti namoonni 2020 dhibee kanaan kan qabaman yoo tahu kanneen keessaa  namootni 27 dhibee kanaan lubbuun issaanii darbeera. Hanga yoonaattis namoonni 344 dhibee Covid-19 irraa dandamatanii akka jiran beekameera. Kunis dhibbantaan yoo ibsamu kan dandamatan 17%, Kan du’an 0.13% taha. Torbaan muraasaan asitti biyya Itoophiyaatti baayyinni namoota Dhibee kanaan qabamanii guyyaadhaa gara guyyaatti kan dabalaa jiru yoo tahu inni xiqqaan guyyaatti saddeettamoota keessa yoo tahu inni guddaan immoo 169 tahee galmaaheera. Biyya kana keessatti daa’ima kichuu ji’a tokkoo irraa eegalee hanga manguddoo waggaa saddeettamaatti dhibee kanaaf kan saaxilaman akka tahe odeeffannoon waajjira Ministeera fayyaa Itoophiyaa ni argisiisa.

Share this on: