COVID-19 Updates June 8, 2020

Itoophiyaatti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 136 irratti COVID-19 argame.

Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa 4775 gaggeeffamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

Namoota kanneen qorataman keessaa 85 dhiirota, 51 ammoo dubartoota. Umriin isaanii waggaa 1 hanga waggaa 97 keessatti argama. Namootni 124 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 12 lammiilee biyyoota alaati.

Namootni 115 Finfinneerraa, 9 naannoo Oromiyaarraa, 7 naannoo Tigraayirraa, 2 naannoo Harariirraa, 2 naannoo Somaalerraa, 1 ammoo naannoo Kibbaarrayi.

Waliigalaan Itoophiyaatti qorannaan samuudaa namoota 147,735 kan hojjetame yoo ta’u, namoonni vaayrasichaan qabaman 2,156 qaqqabuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.


Naannoo Oromiyaatti

Share this on: