Abbaan Telegram hidhame

Abbaan qabeenyaa Telegram hidhame

ODM: Hagayya 25,2024

Warra Raashiyyaa irraa dhalatee lammummaa Faransaay kan qabu Abbaan qabeenyaa Telegram hidhamuu maddeen himan.

Hundeessaafi hoji geggeessaan Pavil Duuroov sababa icciita fayyadamtoota Telegram kennuu dideef hidhame jedha sababaa hidhaa isaa kan eere gabaasni.

Namnu kun kaleessa Hagayya 24 bara 2024 buufata xiyyaaraa Faransaayitti qabamuun hidhame. Paavel Duuroov magaalaa Paarisitti to’annoo jala kan oole.

Raashiyaa namni kun akka hiikamu gaafataa jirti. Himataawwan qorichoota sammuu hadoochan daddabarse jedhus nama kanatti dhiyaachuuf deemu. Yoo ragaan itti funaaname himata waggaa 20 isa adabsiisuu danda’u ta’uu caqafameera

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *