Abiyyi Ahemad mootummaan WBO waliin marii itti fufinsaan gaggeessaa jiraachuu dubbate

Waraana Bilisummaa Oromoo waliin marii itti fufiinsaa taasisaa jiraachuu Abiyyi Ahemad dubbate.

Lola itti fufiinsaa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru kan gaaga’ama dinagdee namoomaa fi mancaatii hamaa fidetti dhuma gochuuf mariin nagaa mootummaaf WBO gidduutti adeemaa ture ammallee itti fuufiinsaan gaggeeffamaa akka jiru muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemad beeksise.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad riifoormii imaammata diinagdee biyyattiin torban kana hojiirra oolchuu eegalteerratti ibsa yoo kennu WBO fi loltoota Faannoo waliin mootummaan marii itti fufinsaan gaggeessaa jira jechuun dubbate. Immaammata dinagdee Itoophiyaan amma hojiitti hiikteef nagaaf tasgabbiin baay’ee barbaachisaa ta’uus Abiyyi dubbateera.

‘’Nagaafi tasgabbiin yoo dhufuu baate invastimantiin hin dhufu, turistiin hamma feenun hin dabalu… nagaafi tasgabbiin dirqamaan nu barbaachisa,’’ jedha dubbii isaa kanaan.

Rakkoo waraanaa hammaataa naannolee lamaan Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemaa jiruun oomishni akka barbaachisutti hojjetamuu hin dandeenye. Danqaa waraanaan uumame kanaan dinagdee biyyattii laamsha’aa ta’eera.

Ammallee qormaata dinagdee obsa fixachiisaa fi biyyattii haala hammaataatti oofa jirutti furmaata kennuun yoo nagaan bu’e qofa ta’uu ogeeyyiin siyaasaaf dinagdee itti walii galu.

Mootummaan akkuma amma jedhaa jiru sadarkaa haasaaf ibsa waltajjii irraan fedhii nagaa buusuu akka qabu ibsataa, hojiin ammoo wantoota nageenya biyyattii booreessan hojjechuutti xiyyeeffata.

Lola baname hordofuun uummata nagaa ajjeesuu, qonnaan bulaan oomisha gahaa akka hin oomishne qe’eerraa buqqaasuu, kanaaf araddaa isaa abiddaan mancaasuu dabalatee yakkoonni danqaa dinagdee olaanaa ta’an waraana mootummaan raawwatamu jedhamuun himatama. Ta’us mootummaan himannaa waraanni isaa rakkoowwan jedhaman kana geessise jedhu hin fudhatu.

Rakkoo caasaan isaa uume, gaaga’ama fi jeeqama naannolee kanaaf qaamota waliin lolatti jirutti quba qabuurratti fuulleffata. Haalli kun nagaan biyyattii akka barbaadamummaa isaatti hojiitti hiikamuu danqeera.

Share this on: