Alaabaan Oromoo akka irra ejjetamu qaamni dirqu diina innikkaa uummata Oromooti jedha ABO’n ibsa baaseen.

Alaabaan Oromoo akka irra ejjetamu qaamni dirqu diina innikkaa uummata Oromooti jedha ABO’n ibsa baaseen.

ODM: Waxabajji 21,2024

Addi Bilisummaa Oromoo kabajaa alaabaa dhorkatamuu waliin wal qabatee gochaa caasaan mootummaa raawwataa jiru balaaleffachuun kaleessa Waxabajjii 20,2024 ibsa baaseen akeekkachiiseera.

Alaabaan Oromoo boordii filannoo tti mallattoo ABO ta’ee galmaa’e waraana mootummaa ministeera waraanaa biyyattiin hogganamuun kabaajaan irraa molqamee adda baabayiitti akka irra deemamu dirqisiifamaa jiraachuu ibsichi caqase. Gochi kun seeraan kan gaafachiisu ta’uu ibsa ABO’n baase kun nii akeeka.

Uummatni Oromoo mallattoo warraqsaa taasifachuun faajjii kana jalatti qabsoo gaggeessaa turee ammas akka alaabaa kana hundaa ol jaallatu hubachiise. Alaabaa wareegamtoota qabsoo bilisummaa Oromoo uummatni ittiin yaadatu kabajaa dhorkachuun akka miilla irra deemamu taasisuu balaaleffate

Faajjiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo mallattoo waraqaa fi huccuu irratti qalamaan tolfame osoo hin taane, eenyummaa ummata Oromoo Lammiilee Biyyaa kan dhiigaa fi lafee goototaatiin ijaarame riqicha Bilisummaa fi Walabummaa ti jechuunis ibsa kaleessa baase kanaan ABO’n ibsee jira.

Gochaa suukanneessaa fi qaanfachiisaa waraanni Biltsiginnaa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne Raayyaan Ittisa Biyyaa addababayiitti raawwateen, yeroo itti suur-sagaleen nama waraabanii Alaabaa dhiigaa fi Lafee goototaan as gahe itti balaaleffachiisanii fi miillaan irra deemsisan media hawaasaa irratti faca’e Addi Bilisummaa Oromoo argee mirkaneeffachuu ibse

Sagalee balaaleffannaa Alaabaa dhagahamaa tureenis “Alaabaan kun Alaabaa Seeyxanaa ti, Na hin baasu ammaan booda, Biyya hin fayyadu osoo jechisiifamuu dhagaa’ama jedha ABO’n. Gocha raawwate kanas balaaleffatee jira.

Biltsiginnaan rakkoo siyaasaa afaan qawween dhalchan karaa nagahaan furuu dadhabuun, gochaalee caalmaatti ummata keenya gaaga’an raawwachisiisuun isaanii seenaa darbe irraa baruu dadhabuun, egeree ummatoota biyyattii kanaa tilmaamuu hanqachuun biyyattii irraan gadee sigigaatte qabatanii qilee seensisaa jiru jechuun hubachiise

Rakkinnoota Alaabaa keennaan wal qabatanii bakka bakkatti mul’ataa jiraniin, erguma ABOn biyya kanatti seeraan galmaawee sochii karaa nagaa itti fufee as warra Alaabaa tana bakka fannifamtee buusee ciru, gubu, dhabamsiisuu fi sababa isiitiin lammiilee nagaatti roorrisuun bakka hedduutti taheera jechuun gocha kana ABO’n balaaleffatee jira.

Share this on: