Amantoonni Waldaa Guutuu Wangeelaa Iluu Abbaa Booraa keessatti humna mootummaan haleelaamuun himame.

Amantoonni Waldaa Guutuu Wangeelaa Iluu Abbaa Booraa keessatti humna mootummaan haleelaamuun himame.

ODM: Waxabajji 3,2024

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti amantoonni Waldaa Guutuu Wangeelaa Mattuutti kadhannaa irra turan jumlaan reebichaaf dararaan erga irra gahee booda hidhamuu isaa himame.

Dilbata kaleessaa Waxabajji 2,2024 Waldaa Guutuu Wangeelaa Mattuutti hordoftoonni amantichaa osoo kadhannaa irra jiranii loltoota mootummaatiin haleellaan irratti raawwatamuun amantoonni 300 ol hidhamuu himame.

Reebicha amantoota irratti loltoonni mootummaa raawwataniin namoonni miidhamuun Hospitaala Kaarli Mattuutti yaalama jirus jedhan.

Godinichuma keessatti torban har’aa jechuun Caamsaa 18 bara 2016 lakkosa Itoophiyaan Aanaa Diiduu bakka Gordommoo jedhamutti Waldaan Qaala Hiwoot jedhamu gubachuun Amantoota Wangeelaa irra miidhan ga’eera jedha gabaasichi.

Ragaan viidiyoo yeroo humnoonni mootummaa ummata irratti reebicha raawwatan mul’isu miidiyaa hawwaasaan qoodamaa jira. Haalli kun dheekkamsa kaaseera.

Baruma kana keessa Aanaa Mattuu Iddoo addaa Mardaafaa jedhamu keessatti Waldaan Makana Iyyasuus yoo gubatu, Aanaa Yaayyoo Waldaa Guutuu Wangeelaa Magaalaa Yaayyootti amantoonni osoo kadhannaa irra jirani nama tokko irraa miidhaan gahuu maddeen himani jiru. Loltoonni mootummaa amantoota irratti haleellaa raawwataa jiru jedha gabaasichi. Taatee raawwate kana akka ODM tti qabatamaan waan arganne qabaachuu baannus miidhaan loltoota mootummaan raawwatamuu eerame.

Akka BBC’n gabaasetti ammoo amantoonni kunneen daandii irratti lallaba taasisuuf bakka walitti qabamanitti loltootni mootummaa reebuu isaanii caqase.

Karaa miidiyaa hawwaasaa keenya

Tiktok: https://www.tiktok.com/@odm79?_t=8mtEBYeEFoU&_r=1
Website:https://oromodiasporamedia.org/
YouTube: https://www.youtube.com/@ODM2019 nu hordofaa, Like, Subscribe, Follow nu taasisaa!

ODM yeroo mara hawwaasa keenyaaf odeeffannoo barbaachisaa laanna!

Share this on: