Ameerikaan Itoophiyaa keessatti dhukaasni dhaabbatee gara mariitti akka deebi’amu gaafatte, Paartiin PP ammoo waamicha kana balaaleffate.
- Ameerikaan Itoophiyaa keessatti dhukaasni dhaabbatee gara mariitti akka deebi’amu gaafatte, Paartiin PP ammoo waamicha kana balaaleffate.
Roobii darbe ture Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Masiingaa waamicha dhukaasa dhaabuu Itoophiyaan taasisuu akka qabdu kan labse. Ibsa san bu’uura godhachuun Itoophiyaan yaada nagaa hin fedhu jedhu kan qabu Ambaasaadarichi ibsa dogoggora laate jechuun Kaleessa deebii waamicha sanaaf taasifte.
Kanas karaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa kan dabarfatte yoo ta’u; ibsa imaammata Ambaasaadarri Ameerikaa Erviin Masiingaa kennaniin ”dogoggora” fi ”odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne” jechuun qeeqte. Kana malees, “faallaa hariiroo seena qabeessaa biyyoota lameenii” jechuudhaan Ameerikaa komatteetti.
Deebiin karaa nagaatti haa deebi’amu jechuuf Itoophiyaan laatte faallaa yaada nagaa kan ta’e, haasaan ambaasaaddarichaa maq-balleessii fi haala mootummaan Itoophiyaa dhimmoota biyyattii itti gaggeessuu qabu irratti gorsa hin gaafatamne kan hammateedha jetteetti.
Ambaasaaddar Maasingaan ibsa laataniin, mootummaan Itoophiyaa dhimmoota siyaasaa walxaxaa ta’an furuuf mala nageenya irratti xiyyeeffate akka hordofuu fi marii siyaasaaf haala mijeessuuf namoota siyaasaa ijoo ta’an hidhaa irraa akka gadhiisu dhaamaniiru. Akkasumas qeeqxoota mootummaa irraa hidhaa fi dararaan akka dhaabbatus gaafataniiru.
Dubbiin mootummaa Itoophiyaa aarse dhimma kana ta’uu hin oolle. Biyyattiin Koree Nageenyaa caasaa jedhamu erga ijaarrattee as, abba feete ajjeesuu, abbaa feete saamuuf qabeenya uummataa akka feete taasisuun dhimma itti bahaa jirti. Ameerikaan namoota hiite gadhiisi jechuun akka waan badii barbadaa’iitti kan ilaale mootummaan Itoophiyaa akkaan kulkulfatee ibsa of irra deebiseen dheekkameera.
Dabalataan dhimmoota Ambaasaaddar Maasingaan kaasan keessaa tokko kan ta’e waa’ee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hidhattoota Faannoo dabalatee gareewwan hidhattoota adda addaa waldhabdee deemaa jiru keessatti hirmaachaa jiran ilaalchiseeti. Kanaanis Marii biyyaalessaa fi adeemsa haqa ce’umsaa keessatti akka hirmaatan gaafachuun, gargaarsa namoomaa mijeessuuf akka biyyaatti dhukaasa dhaabuun barbaachisaa ta’uu waamicha taasisee ture.
Kana malees Waraana Bilisummaa Oromoo nageenya biyyattii keessaa karaa nagaan furuuf tattaaffii olaanaa taasise jechuun galateeffate. Dhimmi kunis paartii Bilxiginnaa waan aarse ta’uu hin oolu. PP’n ofumaa marii araaraa danqee as deebi’ee ammoo akka waan WBO’n araara san danqeetti miidiyaa isaan balballoomsaa tureera.
Ameerikaan haala kanaan tattaaffii nagaa buusuu WBO’n taasise ibsuun akka malee mootummaa Itoophiyaa dhiphisuu hin oolle.
Ibsi mootummaa dhimma kanaaf deebii kenneen “ibsi ambaasaaddarichaa qaamolee hidhatan biyyatii keessatti humnaan mootummaa uummataan filame aangoorraa kaasuuf yaalan, akkasumas lammiilee nagaa ukkaamsanii fi shororkeessan waliin mootummaa caqasuun waan fudhatama hin qabnedha,” jedha.
Biyya nagaan ishee hongaa’ee jiru Itoophiyaan gara nagaatti akka dhuftuuf waamicha taasisuu Ameerikaan kun kan jalqabaa miti. Irra deddeebiin ibsa baaftuun nagaan akka bu’u gaafatti. Mootummaan Itoophiyaa garuu sirnaan ibsa Ameerikaa fudhatee hin beeku. Bakkeewwan hedduutti komachuu, birmadummaa biyyakkoo keessa seente jedhee hadheessuun ala furmaata Ameerikaan akeekte hojiitti hiikuuf yaadee hin beeku.
Waamichi tibbana Ameerikaan taasifte kun erga gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa hogganoota ABO fi KFO dubbiseen booda dhagaa’ame. Dipiloomaatiin Ameerikaa tibbana rakkoon Itoophiyaa keessaa maal akka ta’ee fi furmaata isaa irratti Hayyu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa fi hogganaa KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa dubbisuu isaa eeramaa ture. Akka miidiyaaleen gabaasaa turanitti furmaatni biyya kanaa maal akka ta’u hogganoota lameen kana gaafachuu eeruun, rakkoo jiruuf furmaata isaas gameeyyii kanarraa argachuu himamaa tureera.
Yaadni kunis Itoophiyaa dallansuu kanneen malan keessaa isa tokkodha. Itoophiyaan ABO fi KFO kolaaftee hojiin ala gochuu feeti. Haala kana keessatti Ameerikaan dhaabbilee siyaasaa kana dubbisuun akka malee isaan dhukkubsa. Qaamota humnaan mootummaa fonqolchuuf yaalan irraa odeeffannoo dogoggoraa fudhate jechuun Ameerikaa kan komatteef dhimma kanarraa kan madde ta’uu mala.
Dhimmoota biraan tibbana ka’an keessaa tikko imala Abiyyi Ahemad magaalaa Naqamtee fi Baahirdaaritti taasise isa ijoodha. Tapha siyaasaan taphadha jechuun dubbii faallaa naannolee lamaan walitti buusu dubbataa ture.
Abiyyi Ahemad haasaa isaan qaama Naqamteetti abaare BahirDaar gaafa deemu ammoo leellisuun biyyattii gara waraana hamaatti akka deemu ula bana jedhame sodaa uumeera.
MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad haasaa Naqamtee fi Baahir Daariitti taasiseen inumaa biyyattiin gara waraana Siviliitti akka deemtu ulaa bana jedhamuun sodaatame. Abiyyi Ahemad haasaa magaalaa Naqamteetti taasiseen “Gadheen waggaa 100 Oromootti roorrifte” jechuun dubbate. Dubbiin kun hokkora biyyattii keessaa hammeessee nageenyi akka hin buune taasisa jechuun namooti siyaasaa balaaleffataa jiran.
Mootummaan Itoophiyaa biyyattiin nagaa argachuu hin barbaadu kan jedhan namootni siyaasaa, hanga nagaa keessaa bu’aa argaturra waraanaaf jeequmsaa keessaa kan argatu caalaaf kanaafis nagaan akka uumamu fedha hin qabu jechuun ibsan. Lola bakka maratti uumee hawwaasni akka ataakaaroo biraa keessa seenu taasisuun aangoo dheereffachuuf abbala kan jedhan, dubbiiwwan akkanaa dubbachuun lolli saboota gidduu akka hammaatu taasisa jedhan.
Waggaa 100 san keessa bulchitoota Amaaraa kan jiran yoo ta’u, addatti qaamota Oromoo nu garboomsan jedhee kulkulfatu keessaa bulchiinsa Minilikii fi Hayila Sillaasee isaan tokkodha.
Faallaa haasaa magaalaa Naqamteetti taasisee ammoo gaafa Bahirdaar deemu “Seenessa waloo ijaaraa jirra. Seenaa dogoggora barsiifamaa ture sirreessaa jirra” jechuun seenaa kanas Oromoon akka waan dogoggoraan barataa as gaheetti dubbatee harka rukuchiifate.
Dhiyeenyuma kana galma Aduwaa gaafa eebbifame Minilik dhaamsa dabarse jechuun haasaa sanaan Minilik “Ilmakoo Abiyyi” jedhee osoo dubbatuu miidiyaa biyyattiin tamsaafamaa ture. Oolee osoo hin bulin ammoo Wallagga gaafa deemu magaalaa Naqamteetti akka waan bulchitoota durii jibbuutti of dhiyeessuun gadheen waggaa 100 nu garboomsite ergaa jedhu dabarse.
Namooti siyaasaa hedduun haasaan namni kun taasise saboota lamaan walitti diruun lolli sabaa akka uumamu ulaa bana jechuun sodaa qaban ibsatu.
Dhimmootuma Itoophiyaan wal qabataniin tibbana Kaaba Itoophiyaatti waraana guddaa keessa kan turan ABUT fi mootummaan Itoophiyaa dhimmoota rakkoo nu gidduu babal’isan irraa of haa eeggannu jechuun walii galan.
Waggootaaf walitti dhukaasaa kan turan TPLF fi PP’n akka walitti hin buune walii galtee mallatteessuu isaanii gabaafame. Paartii Badhaadhinaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay dheengadda Caamsaa 15, 2024 yeroo sadaffaaf magaalaa Maqaleetti marii siyaasaa gaggeessuu miidiyaaleen gabaasaniiru.
Marichaan qajeeltoo hariiroo paartilee gidduu kana dura irra ga’ame yaadachuun adeemsa ajandaa olaanaa marii adda baasuu xumuramuun, akkaataa duraa duuba ajandaalee hordofuun erga mari’atanii booda waliigalteerra ga’amuu ibsameera.
Erga waraanni waggaa lamaaf Naannoo Tigraayitti gaggeeffame Waliigaltee Nageenyaa Piritooriyaan goolabame booda hoggantoota paartilee lamaan yeroo lama Maqalee fi Finfinneetti marii siyaasaa gaggeessaniiru.
Ajandaan duraa nageenya waaraa mirkaneessuu waliin kan walqabatu yoo ta’uu, dhimmoota ijoorratti tartiibaan mari’achuun paartiileen lamaanuu nageenya waaraa mirkaneessuuf murannoon hojjechuuf waliigaluu isaanii gabaafameera.
Akka gabaasichaatti bakka bu’oonni paartilee lamaanii Walitti bu’iinsa tibbana Raayyaatti uumamee ilaalchisee bal’inaan mari’achuun, taatichi adeemsa nageenya waaraa mirkaneessuu eegalameen faallaa ta’uu waliigalaniiru jedhan.
Dhaggeeffattoota keenya qophiin har’aaf qabannee kana fakkaata. Sagantaa keenya guyyaa har’aaf kan torban kanaa asumaan goolabna. Wiixata dhufu hanga walitti deebinutti nagaan nuu turaa!