Ameerikaan waraanni mootummaa Oromiyaatti keessatti sarbama mirgaa geessisaa jira jette

Itoophiyaan sarbama mirgaa geessisuu yoo dhaabdee qofa gara AGOA tti deebiti jedhan Maayik Haamer

Ameerikaan meeshaalee al ergii qaraxa irraa bilisaa Itoophiyaaf kennitee turte sababa sarbama mirga namoomaa haquun nii yaadatama. Carraa san deebitee argachuuc ammas taanaan Itoophiyaan sarbama mirgaa geessisuu dhaabuu akka qabdu gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa kan ta’an Maayik Haamer dubbatan.

Qondaalli Ameerikaa kun Itoophiyaa sarbama mirga namoomaa addatti naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti geessisaa jirtu dhaabuu qabdi jedhan. Kana yoo hin goone qoqqobbiin dinagdee kun kan itti fufu ta’uu isaa Ameerikaan ibsiteetti

Maayik Haamar har’a miidiyaalee biyya keessaa waliin turtii yeroo taasisanitti, sarbama mirga namoomaa yeroo waraana Tigraay raawwatameen walqabatee carraa AGOA irraa kan haqamte Itoophiyaan carraa sana deebistee argachuuf maaltu akka ishee barbaachisu wayiita ibsanitti kana jedhan

“Nuti Itoophiyaan gara AGOA akka deebitu barbaanna. Haata’u malee akka seera keenyaatti sarbama mirga namoomaa humnoota mootummaatin raawwatamu jiraachuu hin qabu. Haala nama gaddisiisuun mirgi namoomaa sarbamuu itti fufeera,” jedhan.

Waraana naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti itti fufeen walqabatee taateen namoota nagaa ukkaamsuu fi buqqaatiin lammiilee bal’inaan akka mul’atu kan eeran Maayik Haamar, “sababa kanaan gara Oromiyaa fi Amaaraa imaluuf rakkanneerra” jedhan.

Ambaasaaddar Maayik Haamar marii mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu marsaa lamaan Taanzaaniyaatti gaggeeffame irratti hirmaachuu isaanii yaadachiisuun, “ammallee mariin akka itti fufu mootummaa Norweey waliin ta’uun tattaaffii taasifnu itti fufneerra,” jedhan.

Oromiyaan waggoota 6 oliif bulchiinsa waraanaa jalatti kufteetti. Bulchiinsa waraanaa kanaan ammoo gaaga’ama ulfaataa hawwaasa nagaa quunnameef quunnamaa jiru kan gabaafamaa jiru dachaa hedduu akka caalu eerama.

Mootummaan qabata Waraana Bilisummaa Oromoof dawoo taatu jedhuun waraana bobbaase mirga waan fedhe Oromoo irraan gahu kenneefii, loltoonni mootummaa fedhan saamanii, fedhan qe’eerraa buqqisaa kaan ajjeesuu hammeessaniiru.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *