Arsii Bahaa aanaa Sirkaatti manaaf midhaan uummataa gubate

Arsii Bahaa aanaa Sirkaatti deggartoota WBO jedhamuun manaaf midhaan uummataa gubachuu dhagaa’ame.

Oromiyaa keessatti qonnaan bulaan Oromoo gadadoo waraanaa keessummeessuun itti fufe. Balaa waraanaan qe’eef qabeenyi uummataa manca’uu irra deddeebiin dhagaa’amaa jira. Inumaa hawwaasa irratti mana gubuu, mana waliin midhaan isaa mancaasuun guutuummaa Oromiyaatti babal’ataa jira.

Siyaasa abaaramaa deggartoota WBO dhabamsiisuu jedhuu duula qondaalonni olaanoo mootummaa Qirxummii balleessuuf galaana Gogsuu jedhu qabatanii kan socho’aa jiran waraanni mootummaa hawwaasa jireenya jibbisiisaa jiraachuu himama.

Inumaa sadarkaa biyyattii keessa jiraachuuf yaaddoo olaanaan itti uumamee jiru keessa kan jiru hawwaasni Oromoo gaaga’ama waraanaan qe’eef qabeenya isaa dhabaa jira. Balaa waraanni mootummaa dhaqqabsiisu waggoottan afur dura Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa qofa keessaa dhagaa’amaa kan ture amma guutummaa naannichaa wal ga’aa jiraachuu kan agarsiisu tibbana Arsii keessatti manneen uummataa hedduun mancaafamaa akka jiran gabaafameera.

Haala kanaan baatii darbe jechuun Waxabajjii 10 /2024 iraa kasee hagaa ammatti Godinaa Arsii bahaa Aanaa Sirkaa Ganda Hellaa Wajji bakka addaa haleeluu Tullaa jedhamu kessaa mana nama nagaa gubuu hawwaasni himate. Manni uummataa waraana mootummaan gubachuun himame midhaan dabalatee daaraa ta’uu isaa gabaasni suuraan deggaramee arganne ifoomsa.

Kanneen manni duraa gubachuun eerame keessaa maqaan kan argame.

1, Abdaalla Kennaa

2/Sheek Qaadir kenna

3/Amano Sheek,Qaadir

4/ Mohaammad Kamal Sheek Qaadir

5/Hasan Sheek Qaadir

6/Ibraahim Tusuu

7/Ruqiyyaa kerroo

8/Abbas Hajii Fayisoo

9/Jibriil Abbaas

10/Fayisoo Amtuu

11/Adam Amaan

12/Tamaam Abraahim

Kan jedhaman yoo ta’u manaaf qabeenya isaanii guutummaatti guyyaa jedhame kana abiddaan duraa barbadaa’uu eerame. Manneen gubatan kan suuraan deggarame kana keessa midhaan abiddi qabate walitti hammaaramee mul’ata. Balaa akkaan ijaan ilaaluuf namatti ulfaatu hawwaasa irra gahuu isaa gabaasichatu.

Akka gabaasichaatti Huseen Waddoo kan jedhamu midhan kuntaala 9 jalaa gubachuu akkasuma; Abdallaa Kenna midhaan kuntaala 4 kan dhabee fiHasan Sheek Qaadi jalaa ammoo kuntaala 10, Ibrahim Tulluu kuntaala 10 abiddaan duraa gubateera jedhame.

 

Balaa kana waraana mootummaa fi caasaa PP’n raawwatamuu himan. Sababaan ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu akkasuma nii deggartu kan jedhuun ta’uu gabaasichatu hime.

Share this on: