Biyyoota biroo hidhachiisee warra Lixaa waraanuu akka danda’u Putin dhaadate!

Biyyoota biroo hidhachiisee warra Lixaa waraanuu akka danda’u Putin dhaadate!

Ameerikaa dabalatee biyyoota guddatan hedduuf mata dhukkuubbii kan ta’e, mata jabeessi Raashiyaa yoo Yuukireen deggaruu itti fufan biyyoota lixaa waraanuuf akka danda’u hime. Kana gochuu kan danda’us biyyoota biraa hidhachiisuun ta’uu akeeke.

Kana kan jedhe Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Kora Diinagdee Idiladdunyaa St Petersburg keessatti gaggeeffamerratti wayita ibsa gaazexeessitootaaf kennan, biyyoonni lixaa Yukireeniif meeshaalee waraanaa dhiheessuu irratti ejjennoo qaban yeroo ibsetti.

Biyyisaanii tarkaanfii warra lixaaf waan deebii ta’u qopheeffachuu kan himan Putiin, ”Maandhee warra lixaa akka haleelaniif nutis biyyoota kaan ni hidachiifna,” jechuun akeekkachiise.

Pirezidanti Puutin biyyoonni lixaa misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu Yukireeniif kennuu osoo qeequu, ofii ammoo biyyoota warra lixaa waraanan akka hidhachiisu dhaadate kan jedhan miidiyaaleef qeeqxonni hedduun yaada kana mormaniiru.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa hedduun, Yukireen daangaashee keessatti humnoota Raashiyaa haleeluuf meeshaa waraanaa isaanii akka fayyadamtu eeyyamaniiru.

Gochi akkanaa ”rakkoo hamaa fi isa kana caalutti nu geessa,” jechuun gaazexeessitoota biyyoota alaatti hime Putiin. ”Adda waraanaa irratti kanneen nuun lolaniif meeshaa waraanaa dhiheessuun daangaan keenya sarbamee akka rakkoo keessa seennu kan hojjetu yoo jiraate, nutis akkas gochuu wanti nu dhowwu jiraa? Biyyoonni gocha kana raawwatan maandheen isaanii akka haleelamu gochuu maaliif hin dandeenyu?” jedhe Putiin.

”Dubbiin akkana, deebiin kennamu madaalawaa ta’a. Kanarratti itti yaadna.” Kan jedhe Pirezidant Puutin biyyisaanii biyyoota kamiif meeshaa waraanaa akka dhiheessitu adda baasanii hin dubbanne.

As keessatti garuu Jarmaniin adda baasee maqaa eereera. Jarmaniin misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu kan oomisha biyyashee ta’etti akka fayyadamtu Yukireeniif eeyyamteetti.

”Humna daangaa Raashiyaarra jiru haleeluuf misaa’eloota dabalataa hedduu ergina wayita jedhan, kun hariiroo Jarmanii fi Raashiyaa akka balleessu itti yaaduu qabu,” jedhe Putiin.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidanis, Yukireen meeshaalee waraanaa Ameerikaan dhiheessiteef gargaaramuun daangaashee keessatti iddoowwan humnoonni Raashiyaa qabatanii jiran akka haleeluu dandeessu eeyyamaniiruuf.

Garuu naannawa Karkiiv keessatti qofa akka fayyadamtu akeekkachiisanii ture. Seenaatarri US fi qondaalli biyyoota lixaa tokko Roobii kaleessaa Asoocheetid Pireesitti akka himanitti Yukireen meeshaalee waraanaa US kenniteef fayyadamuun humnoota Raashiyaa daangaashee keessa qubatanii jiran haleeluu eegalteetti.

Waraanni cimaan kaab-baha naannoo Karkiivitti hammaateera. Magaalaan Karkiiv magaalaa guddoo biyyattii Kiivitti aanuun guddinaan lammaffaadha. Daangaarraa kiilomeetira 30 qofa fagaatti.

Ministirri Dhimma Alaa UK Loordi Kaameeruun meeshaalee waraanaa biyyisaanii Yukireeniif kennite fayyadamuu fi dhiisuu kan murteessu Yukireen mataasheeti jedhan.

Ammoo Yukireen humnoota Raashiyaa biyyashee keessa jiran hunda haleeluuf mirga guutuu akka qabdu dubbatan. Yukireen akka jettutti humnoonni Raashiyaa misaa’ela Kooriyaa Kaabaatiin daangaa Yukireen ce’anii haleellaa gaggeessaa jiru.

Qaamoleen tikaa biyyoota lixaa ammoo Raashiyaan dirooniiwwan Iraan fayyadamuu ibsan. Pirezidant Putiin biyyoonni lixaa Raashiyaan gonkumaa meeshaalee niwukilaraa hin fayyadamtu jedhanii yaaduunsaanii dogoggora jedhe.

”Sababa isaa hin beeku, garuu warri lixaa Raashiyaan tasuma meeshaa waraanaa niwukilaraa hin fayyadamtu jedhanii yaadu,” jedhe Putin. Akka dubbii isaa kanatti Nukilara fayyadamuu wanti dhorku hin jiru. Kun taanaan garuu sodaa guddaa addunyaati. Daangaa biyyakoo tiksuuf meeshaa waraanaan qabu hundatti dhimma bahuu kan na dhorku hin jiru jedha.

Haasaan Vilaadmiir Puutin kun muddama addunyaa durumaa jiru kan hammeessudha jechuun sodaatameera.

Share this on: