Buqqaatonni Oromiyaa keessaa qe’eetti hin deebi’in jiraachuu himame

Oromiyaa keessatti buqqaatonni miliyoona 2 ol ta’an qe’ee isaaniitti hin deebi’in jiraachuu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii beeksise.

ODM: Adooleessa 16,2024

Balaa waraanaa Oromiyaa keessaan hawwaasni nagaan miliyoonotaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqaafamaniiru. Inumaa kanneen qe’ee irraa buqqaa’an kunneen biyya isaanii keessatti baqataa ta’uun aanaalee ollaa akkasuma magaalaalee godinaaf kaan keessatti faca’anii jiraataa jiran.

Waraana mootummaan kanneen manni irratti gubatee qe’ee ofii dhabanis ta’e kanneen humnoonni Faannoo manaaf qabeenya isaaniirraa buqqaase Oromooti hedduun deggarsa gahaa dhabuun rakkinaaf akka saaxilamaa jiran irra deddeebiin himama.

Gabaasa arganneen naannoo Oromiyaa keessatti lammiileen sababa walitti waraanaa fi hongeetin qe’ee isaanii irraa buqqa’an keessaa kuma 37 ol kan ta’an gara qe’ee isaaniitti kan deebi’an ta’uus, ammallee naannicha keessa buqqaatota miiliyoona 2 ol jiraachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Dhimma Baqattootaa (UNHCR) gabaasa baaseen, sadarkaa biyyaalessaatti lammiilee miiliyoona 2.5 ol gara qe’ee isaanii deebi’uu ibseera. Haata’u malee, buqqaatonni miiliyoona 4.3 ol ta’an ammallee gara qe’ee isaanii akka hin deebine eere.

Gabaasni kun akka ibsetti, buqqaatonni harki caalaan dhibbeentaa 65 sababa waraanaa naannoo isaaniitti uumameen qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, dhibbeentaan 18 ammoo sababa hongee uumameen kan buqqa’an ta’uu ibseera.

Buqqaatota biyyattii keessa argaman keessaa baay’inaan kan argaman naannoo Somaalee keessatti yoo ta’u, naannichi buqqaatota miiliyoona 1.3 ol keessummeessaa akka jiru eerameera.

Naannoo Oromiyaa ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 64 qabachuun sadarkaa lammaffaa, naannoon Tigraay ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 21 qabaachuun sadarkaa sadaffaarra argama.

Naannoo Amaaraa keessattis buqqaatota kuma 436 ol akka argaman ibsameera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa isaatin, hanga Waxabajjii 30, 2024tti lammiilee miliyoona 2.5 gara qe’ee isaaniitti deebi’an keessaa naannoo Tigraayitti namoonni 967,257 gara qe’eetti deebi’uu fi ammallee kanneen miliyoona tokko ol buqqa’anii argamuu ibsameera.

Naannoo Oromiyaattis namoonni 137,230 ta’an gara qe’ee isaanitti kan deebi’an ta’uus, ammallee kanneen miiliyoona tokko ol ta’an gara qe’ee isaanitti deebi’uu akka hin dandeenye ibseera.

Gaaga’ama waraanaan uumame akkasuma balaa hongeen mudate kana qabbaneessuuf shorri mootummaan bahate laaffataa ta’uu qeeqama. Inumaa mootummaan waraana biyyattii keessatti adeemaa jiru nagaan furmaata argamsiisuuf fedha hin qabu jedhamuun komatama.

Share this on: