Bu’uura tokkummaa Oromoo kan ta’e Waldaa Maccaa Tuulamaa hundeeffama isaa waggaa 60ffaa kabajate

Jaarmiyaa hawwaasa Oromoo isa guddaa kan ta’e Waldaan Maccaa Tuulamaa hundeeffama isaa waggaa 60ffaa kabajate

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi gamtaa uummatichaa keessaa qooda olaanaa qabaachuun isaa kan beekamu Waldaan Maccaa Tuulamaa hundeeffama isaa waggaa 60 ffaa Kaleessaa magaalaa Finfinnee giddu gala aadaa Oromootti kabajachuu ibsameera.
Sagantaa kanarratti miseensota fi hoggantoota waldichaa ibsa garagaraa dhiyeessuu isaanii gabaasaan argame nii mul’isa. Pirezidaantiin waldichaa Obbo Dirribii Damissee “waldichi bara 1964 dhaabbata wal gargaarsaa ta’ee eenyummaa Oromoo guddisuu fi bu’uuraalee barbaachisoo kanneen akka manneen barnootaa, dhaabbilee eegumsa fayyaa, daandii, fi dhiyeessii bishaanii hawaasa Oromoof misoomsuuf hundeeffame,” jechuun miidiyaaleetti himaniiru.

“Waldaan Maccaaf Tuulamaa erga hundeeffamee kaasee hojiilee namoomaa irratti xiyyeeffachuun barnoota, eegumsa fayyaa, kunuunsa aadaa, fi misooma bu’uuraalee misoomaa keessatti gumaacha guddaa taasiseera.” jedhan

Waldaan Maccaa Tuulamaa erga hundeeffamee hawwaasni Oromoo amantaan akka wal hin qoodne qalma walii lagachuu akka hin qabne barsiisuu dabalatee qoodni Tokkummaa sabichaa misoomsuuf bahate akkaan olaanaa ta’uu seenaan isaa hima. Bu’uura hundeeffama ABO ta’uu isaa kan himan maanguddoonni hawwaasa Oromoo bahaa hanga Lixaa, Kaabaa hanga kibbaa wal quunnamsiisuuf haalonni osoo isa hin daangessin sochii taasisaa turuu eerama.
Rakkoo hawwaasaa suphuu, kan rakkate gargaaruu, uummata Oromoo beela’e bira dhaabbachuun dirqama isaa taasifachuun kan hojjetu waldichi, bara kanas uummata Oromoo Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa walitti fufiinsaan deggaraa akka jiru ibseera.

Share this on: