Dargaggoonni Oromoo 2 mana hidhaatii baafamanii ajjeefaman

Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Konbolchaatti waraanni mootummaa dargaggoota lama mana hidhaarraa baasuun ajjeesan

Maatii miseensota WBO jedhamuun akkasuma deggaraa fi caasaa Waraana Bilisummaa Oromoo maqaa jedhuun dararri ilma namaarra gahu inumaa daangaa darbuun itti fufee jira.

Gabaasa ODM argateen Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii tulluu jiddoo kombolchaa Bulchiinsaa magaalaa Oo’ituutti dargaggoota lama mana hidhaarraa baafamanii ajjeefamuu himame.

Dargaggoota kanneen ajjeesuun kan himatame waraana mootummaa yoo ta’u ajjeechaan kun Hagayya 16,2024 raawwatamuu isaa gabaasichatu ibsa.

Dargaggootni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii
1. Gammadii Gannaa
2. Boonaa Naannessoo kan jedhaman yoo ta’u erga ajjeesanii booda qarqara lafa Awwaalaatti gatuu isaanii ibsameera.

Ajjeechaa namoota nagaa inumaa qabee hidhee mana hidhaarraa baasuun rashanuu irra deddeebiin waraanni mootummaa nii himatama. Dhaabbilee mirga namoomaa fi miidiyaaleen hedduun namoota nagaa ajjeesuu waraana mootummaa haa gabaasan malee mootummaan yakka raawwatamu kana ofitti fudhatee hin beeku

Share this on: