Dhibeen Busaa hawwaasa miidhuun hammaate

Weerarri dhukkuba Busaa godinaalee Wallaggaa keessatti hawwaasa akkuma rakkisetti jira.

Gaaga’ama waraanaan hospitaaloti hedduun barbadaa’uun qorichoonni illee kan mancaa’an godinaaleen Wallaggaa hedduun weerara dhukkubaan miidhama ulfaataaf gahaniiru.

Dhibee busaa amma hawwaasa gadachaa jiruun uummati yaala gahaa dhabuu fi hanqina qorichaan iddoowwan hedduutti du’aa jira. Daa’imman dabalatee namooti hedduun dhukkuba Busaan qabamanii rakkataa jiraachuu gabaasni arganne mirkaneesseera.

Rakkoo amma uummata miidhaa jiru kanaan Qellem Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti tatamsa’ina dhukkubaa kanaan uummati dararaa argaa jira jedhan.

Aanaalee hedduun miidhaa dhukkuba Busaan isaan mudataa jiruun akka malee yeelalaa jiru jedha gabaasichi. Inumaa weerara amma ka’e kanaan uummatni miidhama ulfaataa keessatti akka argamu barame.

Dhukkubni Busaa kun hawwaasni akka hin damdamanne kan taasise caccabuu daandii, burkitaawuu hospitaalotaa irraa kan ka’e ogeeyyiin fayyaa hawwaasa yaaluuf illee danqamuudha kan himame.

Yeroo ammaa kanatti waraanni mootummaa bakkeewwan naannichaa hedduu bakka buufata fayyaa ture buufata waraanaa taasifachuun keessa qubataniiru.

Kana malees qorichoonni gara baadiyyaatti akka hin geejibsiifamne taasisuun hanqina qorichaan namooti lubbuu dhabaa jiru.

Ammas taanaan uummatni lixa Oromiyaa weerara dhukkuba Busaa jala jiran xiyyeeffannaa kan barbaadan ta’uu gabaasni arganne hubachiisa.

Share this on: