Dhimmoota obbo Taayyee Danda’aa

Abuukaattonnikoo humnoota Tikaan doorsifamaa jiru jechuun obbo Taayyee Danda’aa himate

ODM: Waxabajji 25,2024

Dubbii ataakaaroo yaadaa akkaan ijoo ta’e barreessuu fi dubbachuun hawwaasa biratti jaalalas jibbas kan horate qondaalli mootummaa Itoophiyaa duraanii obbo Taayyee Danda’aa har’a mana murtiitti dhiyaateera.

Obbo Taayyeen dhimmoota uummataan wal qabatan addatti caasaan mootummaa isaanii hawwaasa akka rakkisan fuula Facebook isaatiin barreessaa ture. Isa duratti ammoo WBO irratti qeeqa jajjabaa katabuun inumaa bifa uummati of keessaa ABO baasuu danda’a jedhuun barreeffamoota hawwaasa Oromoo mufachiisan hedduu miidiyaa hawwaasaan qoodaa ture. Kanaanis hordoftoota hedduu horateera. Ta’us uummata Oromoo biratti jibba argateera.

Taayyeen Goota Gowwaadha kan jedhan namooti hedduun hojii isaa kana ija jabinatti kan fudhatan jiru. Kanneen yaada isaa hedduu gara hamaatti hiikkatanis gaariitti hiikkatanis hawwaasa keessa hedduudha. Kun ta’ee garuu Taayyee Danda’aa rakkina uummataa dubbachuurraa duubatti akka hin jenne hedduutu itti walii gala.

Sagalee ajajaa olaanaa WBO Jaal Marroo ta’uu isaa himamaa kan ture yeroo darbe dhimma obbo Taayyee miidiyaa hawwaasaan qoodamaa akka turetti “Taayyeen humna isa ittisu osoo hin qabaatin dubbii dubbatee rakkoo keessa gale” yaada jedhu kaasa. Akka ilaalcha Jaal Marrootti kanaan dura hiriyaa dhiyoo walii turuu ibsa. Waraanni hangam akka barbaachisun himaafii ture kan jedhu sagalee miidiyaan kan Jaal Marroo ta’uun himamaa turedha.

Maxxansaalee wal faallessan hedduu haa maxxansu malee dhimma uummataan wal qabatu irratti gidiraa uummatarra waraana mootummaan dhaqqabaa jiru obbo Taayyeen ifatti barreessaa ture. Haalli kun garuu diina itti horuu hin oolle.

Kun ta’ee inumaa dhumarra ammoo muummicha ministira Itoophiyaa irratti katabbii komii qabuuf arraba of keessaa qabu barreesseera. Kana taasisee garuu guyyaa baay’ee oolee hin bulle hidhamuu danda’e. Mana hidhaattis himati itti banamee beellama deddebi’aa kan jiru guyyaa har’aa mana murtiitti dhiyaateera.

Dhaddachaa guyyaa har’aa ooleenis qondaalli mootummaa duraanii Obbo Taayyee danda’aa Abuukattonni isaa doorsifamaa jiraachuu himate. Abukaattoo malees dhaddacha har’aa irratti hirmaachuusaa barameera.

Obbo Taayyee Danda’aa abukaattota shan kan qaban ta’us tokkoyyuu dhaddacha har’aa kanarratti hin argamne. Deetaa Ministeera Nagaafi miseensa Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa, Seera Yakkaa ALI Bara 1996 bahe keewwata 251/C fi keewwata 257/E akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himatamanii dhimmisaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddacha tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaaluun ilaalamaa jira.

Manni Murtichaas dhaddacha ALI Caamsaa 29, 2016 taa’een ragaalee Abbaa Alangaa lama irraa jecha ragummaa kan fudhate yemmuu ta’u, galmicha qoratee jalamurtii laachuuf ture har’atti beellama kan qabate.

Haa ta’u malee, kuufama galmeerraa kan ka’e galmee Obbo Taayyee Danda’aa osoo hin ilaaliin hafuu kan himan Abbootiin Seeraa, ALI Adoolessa 17, 2016’tti beellama biraa qabataniiru.

Obbo Taayyeenis beellama haaraa kennametti kan waliigalan ta’uu dubbataniiru. Ammoo dhaddacha har’aa irratti iyyatawwan lama dhiyeeffataniiru. Abukaatoowwansaanii irratti doorsifni cimaan qaqqabaa jiraachuufi akka irraa dhaabbatu Mana Murtii gaafataniiru.

“Abbaan Alangaafii namoonnisaa abukaatoowwankoo doorsisaa jiru” kan jedhan Obbo Taayyen, abukaatoowwansaanii bilbila lakkoofsisaa hin mul’anneen itti bilbilamee doorsifamuu himan.

Galmee Obbo Taayyee jalatti abukaatoowwan shan galmaa’anii kan jiran yemmuu ta’u, beellama har’a ALI Waxabajjii 18, 2016 turerratti garuu abukaatoowwan Obbo Taayyee hundinuu hin argamne.

Obbo Taayyeenis qofaa isaanii dhaddacharratti argamuun iyyannoosaanii dhiyeeffatan. Wajjira Tikaarraa itti bilbilamee doorsifni irra gahaa jira jechuunis himate

Share this on: