Diroonii dabalatee humnaan caccabuun Hospitaalonni Oromiyaa caccabuuf waraana adeemaa jiruun wal qabatee rakkoo fayyaa uummata mudachuu malaa sodaatame.

Kutaalee Oromiyaa baayyinaan mootummaan lola keessatti gaggeessaa jiru hanqina qorichaaf saaxilamuun dhibee daddarbaan babal’ataa jiraachuu ibsame.

Waraanni Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru gaaga’ama hamaa fayyaa hawwaasatti fidaa akka jiru gabaasni maddeen adda addaa saaxile. Lola waggoota shaniif deemaa jiru Oromiyaa hawwaasa nagaa keessatti godhamaa jiruun loltoonni mootummaa buufata fayyaa akka dahannoo waraanaatti itti gargaaramuun, dirooniin haleellaa gaggeessaa turaniin caccabsuu dabalatee balaa buufataalee fayyaa quunnameen hanqinni qorichaa mudachuu eerama.

Hanqina qorichaa naannicha mudatee jiruurraa kan ka’e dhukkuba daddarboo tohachuun humna ogeeyyii fayyaa ol ta’aa akka jiru maddeen himaniiru.

Gaaga’ama kanaaf naannoo Oromiyaa godinaalee akka Oromiyaa Kibbaa, Giddugaleessaa fi Oromiyaa lixaa baayyinaan kan miidhaamaa jiran ta’uu barameera.

Buufataalee fayyaa mancaasuu waraana mootummaa irraa kan ka’es weerarri dhukkuboota akka Busaa, koleeraa fi Gifiraa lubbuu hawaasaa akka gaaga’u taasisee jira jedha gabaasichi. Kanaa alattis lola hawwaasa nagaatti fuulleffachuun mootummaan gaggeessaa jiruun sarbamni mirga namoomaa hamaan dhaqqabaa akka jiru maddeen himu.

Mootummaan bakkeewwan WBO’n tohatamanitti dhiyeessiin qorichaa akka hin geejibamne dhorkuu dabalatee buufata fayyaa baadiyyaarraa mancaasuun rakkoo ammaaf sababaa olaanaa ta’uu isaa gabaasichatu hima.

Balaa kanaan kufaatiin diinagdee dhufeen alatti, buqqatiin, gaaga’amni lubbuu, miidhamni qaamaa, maancaatiin dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kanneen akka manneen barnootaa, manneen yaalaa, keellaawwan fayyaa, Ambulaansiiwwan, Hospitaalota, daandiiwaan, waajjiraalee mootummaa fi kanneen biroo manca’ani jiru.

Qabeenyi hawaasa, manneen ummataa, midhaan ibiddaan barbadeefamani jiru. hojiin oomishaa fi oomishtummaa addaan cituun qotee bulaan harka maratee akka taa’u taasifame jira. Hojiin qonnaa Oromiyaa keessatti bal’inaan raawwatamuu dhabuun ammoo hanqina midhaan nyaataa fi beela lubbuu namaa fi beeyladootaa gaaga’u hordofsiisaa jirachuu gabaasichatu ibsa.

Addatti waraanichi seektara fayyaa fi barnootaa miidhaa hamaaf saaxilee jiraachuu gabaafame. Seektaroonni kun miidhamuun barattoonni barnoota akka addaan kutanii fi fayyaan hawaasaa salphaatti akka hubamuuf haala mijjeessee jira.

Sababa waraanaatiin manneen barnoota manca’uun guutuu biyyatti keessatti barattoonni miliyoonaan lakkaa’aman barnoota malee hafuu isaanii UNICEF gabaasuun isaa ni yaadatama.

Mancaatii Seektara Fayyaa muudateen ammoo godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti dhukkuboonni daddarboon bifa weeraraatiin hawaasa miidhuu Waldaan Haakimoota Oromiyaa ibseera

Naannoo Oromiyaatti buqqa’iinsa walitti bu’iinsaan uumameen buqqaatonni miiliyoona 1.5 ol fi abbaa warraa kuma 300 siqan godinoota 11 fi aanaawwan 100 ol keessatti rabsamanii jiru.

Iddoowwan buqqaatonni qubatan 142 ol kan jiran yoo ta’u, Godinni Gujii iddoowwan buqqaatotaa olaanaa 31, Godinni Wallagga Bahaa baay’ina buqqaatotaa kuma 282 ol keessummeessuun sadarkaa duraa irra jiru jechuun bara 2023 Waldaan Ogeessota Oromoo Idil-addunyaa ibsee jira.

Oromiyaa keessatti rakkoon nageenyaa saffisaan hammaataa dhufuun, keessumaa seektara fayyaa keessatti rakkoo namoomaa fidee jira. Nageenyi dhabamuun geejjibni meeshaalee yaalaa akka addaan citu kan taasise yoo ta’u, hanqinni meeshaalee barbaachisoo kanneen akka qorichaa fi meeshaalee yaalaa akka mudatu taasisee jira. Buufata fayyaa irraa paanaaliin aduu barbadaa’uu fi hanqina qorichaafi meeshaalee yaalaa, aanaalee hedduu keessatti talaallii akka addaan cituu taasisee jira.

Dabalataanis, hanqinni ambulaansii dhukkubsattoota haala yaaddessaa keessa jiran geejjibsiisu, dhaabbilee fayyaa hedduu keessatti tajaajilli addaan cituu, weerarri dhukkuba busaa, koleeraa fi hanqinni gaaddisa, bishaanii fi mana fincaanii iddoowwan namoonni buqqa’an qubatanitti rakkoo fayyaa naannicha keessatti mul’atu daran hammeessee jira.

Akka Waldaan Oggeessota Fayyaa Oromoo Idil-addunyaa bara 2023 keessa ibsetti Walitti bu’iinsi kun dhaabbilee fayyaa naannichaa miidhuun, keellaa fayyaa 908, buufataalee fayyaa 158 fi hospitaalonni 6 yoo saamaman, keellaa fayyaa 179 fi buufataaleen fayyaa 12 gubatanii jiru.

Balaan hangi kun uumamee ammallee mootummaa rakkoo naannichaa mariin furuuf ayyamamaa ta’uu dhabuun ammoo egereefis haalli kun akkanaan itti fufuu danda’a sodaa jedhu uumeera.

Share this on: