Dirre dhawaa giddu gala gabaatti balaan Abiddaa har’a mudateera

 

Guyyaa har’aa magaalaa Dirree Dhawaatti balaan abiddaa guddaan dhaqqabuu himame.

Guyyaa har’aa ganama Magaalaa Dirree Dhawaa giddu gala daldalaa Ashawaa jedhamutti balaa abiddaa guddaan uumamee miidhaa geessisuu maddeen himan. Balaan kun akkaan ulfaataaf guddaa ta’uu isaa marsaa miidiyaa hawwaasaan suuraan deggaramee himamaa tureera.

Balaa abiddaa giddu gala gabaatti ka’e kana eenyuuf akkamiin akka eegale waan barame jiraachuu baatus bakka Taalbaj Taraa jedhamu kanneen jiraatan miidhuu isaa ibsameera.

Balaan mudate kun tattaaffii hawaasa magaalichaa fi humnoota nageenyaan to’annoo jala ooluu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Balaa ibidda gabaa Ashawaa jedhamuun beekamutti mudate manneen daldalaa hedduu irratti miidhaa guddaa geessisuu miidiyaan magaalichaa ‘Dire TV’ gabaaseera.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juhaar bakka balaan kun qaqqabetti argamuun haala jiru daawwachuun ka’umsi balaa kanaa fi miidhaa geessise qoratamee uummataaf akka ifa ta’u dubbataniiru.

Namoota balaa kanaan miidhaman deeggaruufi deebisanii dhaabuuf gamanumaan sochiin eegalamuu eeraniiru. Waamicha gargaarsaan uummata biyyattii alaaf keessa jiruuf taasisaniiru.

Hawwaasni magaalattii naannicha jiraataan duraas qabeenyaan manca’uu isaa himamee jira. Balaa abiddaa kana dhaamsuuf yaalii guddaan taasifamaa turuu eeramuun. Miidhaa guddaa erga geessisee booda tohatamuu isaa gabaasichi eereera. Balaan akkanaa darbee darbee kan uumamu yoo ta’u, uummatni eeggannoo barbaachisaa gochuu akka qabu dhaamameera.

Share this on: