Dubartiin konkolaataa hatte qabamte

Guyyaa har’aa dubartiin konkolaataa hatte sa’a muraasa booda tohatamuu himame.

ODM: Waxabajji 25,2024

Guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 25 magaala Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo 07 jedhamu keessatti dubartiin konkolaataa hattee miliquu yaalte sa’a muraasa gidduutti tohatamuu eetame.

Yakki ganama sa’a 12:30 raawwate yoo ta’u dubartiin kun Konkolaatuma bira dhaabbattee suurri kaafame kana hatuu isheedha maddeen kan eeran. Konkolaataa Lakkoofsa gabatee koodii 3-B32912 A.A jedhu akka hatte Foolisiitu hime.

Hanni kun kan raawwate abbaan konkolaataa Mootora isaa kaasee balbal dura dhaabuun uffata Jaakkeettii fudhachuuf hanga ol seenetti ta’uu gabaasichatu hima. Erga konkolaataa kana fudhatanii miliqanii barbaacha guyyaa walakkaan booda tohatamuu ibsameera.

Magaalaa Finfinneetti Hanni konkolaataa irra deddeebiin dhagaa’ama. Balaa hanna konkolaataa kana ittisuuf tattaaffiin taasifamullee laaffataa waan ta’eef tooftaa hannaa kana hundeen dhabamsiisuun harkifachuu namoota komata.

 

Share this on: