Faannoon Konkolaachiftoota ukkaamsee ture ajjeese

Humnoonni Faannoo konkolaachiftoota ukkaamsan maallaqa fudhatanis deebisanii ajjeesan.Loltoonni Faannoo wayiita haasofsiisaa turan

ODM: Fulbaana 16,2024

Humni Faannoo ijaarama isaarraa qabee shororkeessummaan hawwaasa dararu Konkolaachiftoota ukkaamsee qarshii miliyoonotaan gaafataa turee erga qarshii fudhatees deebisee ajjeesuu maddeen himan.

Taateen kun Kaaba Oromiyaa Salaalee aanaa Dharraatti raawwate. Konkolaachistoonni naannoo Amaaraa keessa qaxxaamuruun gara Ficheefi Finfinnee osoo deemaa jiranii ukkaanfaman. Konkolaachiftoota kanneen humnoonni Faannoo ukkaamsanii dararaa erga turanii ajjeesan.

Akka gabaasaaleen bahan hubachiisanitti Konkolaachistoonni baayyinni isaanii 9 ta’an kunneen ukkaamfamuun  birrii miiliyoona 1 hanga 2 erga gaafatamanii booda birriis irraa fudhachuun humnoonni Faannoo ajjeesaniiru.

Konkolaachistoonni kunneen osoo gara Ficheefi Finfinnee deemaa jiranii humnoota finxaaleyyii faannoo Amaaraan gammoojjii Fexiraa jedhamutti torban dura qabamuu maddeen ibsan.

Humnoonni kun konkolaachistoota kana erga qabanii booda viidiyoodhaan waraabanii erga haasofsiisanii booda ajjeesan jedhame.

Humnoonni finxaaleyyii faannoo kun nagaan akka isaan geggeessaa jiran viidiyoo kana irratti yoo dubbatan kan dhaga’amu ta’ullee, viidiyoo sana waraabanii erga qoodanii booda konkolaachistoota kana dhabamsiisaniiru jedhame.

Dargaggoo Milkeessaa Xilaahun konkolaachisaa kan ta’e naannoo sanatti humnoota kanaan  warra qabame  keessaa tokko yoo ta’u, maatiitti bilbiluun birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 erga fudhatanii booda ajjeesan jedhame.

Jalqaba miiliyoona tokko gaafatanii jennaan, abbaan isaa lubbuu ilma isaa baraarrachuuf  mana qabu qabsiisee maallaqa kana liqeeffachuun humnoota finxaaleyyii faannoo Amaaraa kanaaf erguu himan.

Erga birrii miiliyoona tokko kana fudhatanii booda ammas birrii dabalataa kuma 500 gaafannaan, kadhatee gara birrii kuma 200 tti hir’isaniif jedhu.

Birrii kuma 200 kanas, namoota irraa kadhachuun dabalata humnoota kanaaf ergan illee ilma isaanii lubbuun baafachuu hin dandeenye jedha gabaasni arganne.

Konkolaachistoota sagal qabamanii turan keessaa torba dhalattoota Oromoo ta’uu kan himan maddeen, miidhaan kun waan Oromoo ta’an qofaaf irra dhaqqabuu eerame.

Konkolaachistoota kanneen hunda tokkoo tokkoo isaanii irraa birrii miiliyoona tokkoo hanga lamaa gidduu erga irraa fudhatanii booda ajjeesaniiru jedhame.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *