Finxaaleyyii hidhattoota Faannoos ta’ee da’attootni isaanii gocha farra namoomaa irraa akka if qusatan KFO gaafate

Finxaaleyyii hidhattoota Faannoos ta’ee da’attootni isaanii gocha farra namoomaa irraa akka if qusatan KFO gaafate

Jaarmiyaa siyaasaa Kongirensii Federaalaawaa Oromoo ajjeechaa Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti humnoota Faannoon raawwatame balaaleffachuun har’a ibsa baasee jira. Dhaabni siyaasaa Oromoo kun humnoonni Faannoo fi da’attootni isaanii gochaa farra namoomaa raawwatan irraa of qoqqobuu akka qaban gaafateera.

Ibsa isaa kanaan KFO’n Ajjeechaa Aanaa Noonnootti Misirrootaafi Maatiisaaniirratti Raawwate cimsee balaaleffateera.

Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo Ganda Biiftuu Jaalalaa iddoo addaa Qondaalaa jedhamutti, gaafa Waxabajjii 8, 2016 haleellaa dhukaasaan itti roobsameefi fanjii itti darbatameen misirroowwan lamaan dabalatee namootni 27 battalumatti ajjeefamuufi namootni 17 madaa’anii wal’aansa otoo hinargatiiniifi otoo wal’aanamaa jiranii du’uusaanii maddeen oduu addaa addaa, miseensota keenyaafi jiraattoota aanichaarraa mirkaneeffanneerra jedha KFO’n.

Reenfa namoota ajjeefamanii adda baasuun rakkisaa waan tureef qaamni ibiddaan guggubate funaanamee boolla tokkotti awwaalamuu gaafa dhageenyu gadda guddaatu nutti dhagayame kan jedhe ibsichi; Qaamoonni haleellaa kana raawwatan yeroo nagaa uummata Oromootti baqatanii jiraachaa kan turan, har’a Finxaaleyyii Hidhattoota Faannoo ta’uu isaanii yemmuu dhageenyummoo gaddi keenya dachaa dachaa ta’e jechuun kulkulfatee balaaleffate.

Jaarmiyaan siyaasaa Oromoo KFO ibsa isaa kanaan humnoota gaafa rakkinaa Oromootti baqatan, gaafa gara jabeenya ulfaataa ta’een mana waliin abiddaan guban dhaga’uun hedduu isa dhukkubsuu ibsa isaa kanaan jabeessee hime.

Hidhattootni Finxaaleyyii Faannoo kunneen yeroo garaa garaa godiinaaleefi aanaalee Wallaggaa addaa addaatti haleellaa walfakkaataa raawwachaa turuusaaniifi kana akka raawwataniif kan onnachiisemmoo, gargaarsa loojistikiifi meeshaalee waraanaa tibba Waraana Tigiraayi argataniin hamma funyaaniitti hidhachuusaanii akka ta’e beekamaadha jedha KFO’n.

Finxaaleyyiifi da’attootnisaanii, gareen qabeenyaan ijaaramanis Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti lammiilee nagaa ajjeesanii humnoota garaagaraatti haqachuun holola sobaa “Amaaronni Oromiyaa keessa jiraatan eenyummaasaaniitiin adamsamaa jiru” jedhu miidhagfachuuf miidiyaaleesaaniin hafarsaa turuusaani ni beekama. Kanaan olittimmoo, itti-gaafatamasaa bu’uuraa kan ta’e nageenya lammiilee eegsisuu mootummaan hindandeenye, dhalattootni saba Amaaraa Oromiyaa keessatti haleelamaa jiru holola jedhuun, sababa of eeggachuu qabu jedhuun waggoota darban keessa angawoota mootummaa olaanoo dabalatee “Hidhachiifamuu qabu” jedhamaa turuun ni beekama. Finxaaleyyiin Hidhattoota Faannoofi da’attootnisaanii akkasumas deeggartootnisaanii muraasni gochi suukkanneessaan Aaanaa Noonnootti raawwatan bu’aa waliigalaa gochaalee kanaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha. Gochichi fira dhiyoofi warra ollaa hintaanerraa kan hafe, keessummootni affeeraman biroon gara qe’eesaaniitti eega deebi’anii booda raawwachuun, gareen Finxaaleyyii daangaa Galaanaa Liibiyaa cinaatti ajjeechaa suukkanneessaa dardarran Lammiilee Itoophiyaarratti adda baasuun raawwatan waliin wal fakkaata jedha ibsi kun.

Humnootni Finxaaleyyii kunneen gochaan isaan Aanaa Noonnootti raawwatan, barootaaf wal kabajanii jiraachaa kan turaniifi jiraachaa jiran dhalattoota saba Oromoofi Amaaraa gidduutti jibbaafi miira haaloo ba’umsaa facaasuun walitti bu’iinsa hawaasummaa kakaasuuf akka xiyyeefate ta’uutu nutti dhagayama kan jedhe KFO’n; Gochaan badaan kun hattattamaan yoo hinfuramne, gochaa saboota lamaaniifi biyyaattii gaaga’ama dabalataaf saaxiludha jedheera.

Sababa kanaaf, paartiin keenya gochaa suukkanneessaa kana cimsee balaaleffata kan jedhe jaarmiyaan kun; Kutaalee biyyattii kamiiyyuu caalaa, dhalattootni Amaaraa lakkoofsaan hedduu ta’an Naannoo Oromiyaa keessatti walmakanii jiraachaa akka jiran eeruun yakka raawwatame kana daangaa itti tolchuuf qaamni isa ilaallatu tattaaffii akka taasisu gaafate.

Akka ibsa kanaatti mootummaan Itoophiyaa akkasuma mootummaan naannoo Oromiyaa maal na dhibdeedhaan nageenya uummata Oromoo tiksuu hanqachuun balaa humnoota Finxaaleyyii kanaan uumamaa jiru hammeesseera. Inumaa holola Amaarri miidhamaa jira jedhuun Qawwee itti hidhannii Faannoo lolatti bobbaasuun uummati nagaan akka lafarraa daguugamuuf shoorri mootummaa olaanaa ta’uu ibsichatu caqasa.

Share this on: