Fonqolchi mootummaa akka irratti yaalamu garuu kan hin milkoofne ta’uu Abiyyi Ahemad ibse

Walga’ii mana maree bakka bu’oota uummataa irratti MM Abiy Ahemad fonqolchi narratti yaalamaa jira jechuun dubbate.

Tibbana manni maree Bakka bu’oota Uummataa Itoophiyaa kora idilee 36ffaa bara hojii sadaffaa gaggeessee jira.

Qaboo yaa’ii ajandaa kora 35ffaarratti qabamee ture raggaasisuun kan eegale yaa’iin kun, dhimmoota diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaarratti yaada miseensotaa keessummeesseera.

Yaadaa fi gaaffilee miseensonni kaasan irratti Ministirri Muummee Abiy deebii fi ibsa kenneera. Miseensonni paarlaamaa waliigaltee Piriitooriyaa adeemsa jiru fi hojiirra oolmaa waliigaltechaarratti gaaffii kaasaniiru.

Akkasumas waldhibdeewwan kutaalee biyyattii keessa deemaa jiran karaa nagaan akka furmaniif waan mootummaan hojjetaa jiru gaafataniiru. Dhimmi barnootaa, qaala’iinsa jireenyaa, rakkoo fayyaa, malaammaltummaa, rakkoolee baajataa naannolee haaraa hundaa’anii, dhimmi horsiisee bultootaa fi dhimmoonni hawaasummaa fi diinagdee kaanis bifa gaaffiin ka’aniiru.

Akkasumas miseensonni paarlaamaa waa’ee marii biyyaalessaa fi hidhattoota hirmaachisuu, miseensota manneen maree federaalaa fi naannolee mana hidhaa jiran fi waa’ee haqa ce’umsaarratti gaaffii kaasaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimmoota siyaasaa fi hidhattootaan walqabatee jiru irratti wayita yaada kennu, osoo mootummaansaanii nagaa fi diinagdeerratti xiyyeeffatee hojjetuu yaadi yaalii fonqolcha mootummaa deemaa jiraachuu akka quba qabu ibse. Abiyyi Ahemad bara kana keessa Walga’ii mana maree bakka bu’oota uummataa irratti waa’ee Fonqolchaa kaasuun kanaan lammatadha.

Kanaan duras Fonqolchi akka irratti yaalamaa jiru ibsuun garuu hin danda’amu jedhee ture. Kan miilanaa kanas Fonqolchi mootummaa yaalamu kan milkii hin qabne akka ta’etti ibse.

‘’Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa milkaa’uu hin danda’u. Waggaa 50 dura mudateera. Ergasii yaaliiwwan bu’aa hin buusne taasifama turan. Hin milkoofne. Amma ammoo honkumaa hin milkaa’u,’’ jedhe.

Itoophiyaa keessatti fonqolcha mootummaan aangoo qabachuun biyya kana eessaanuu hin ga’u kan jedhu MM Abiy, ‘’namoota yaalii akkasii raawwataniif gorsa kenninee yoo gadhiisnu gorsa keenya salphaatti ilaalu, booda ammoo gatii kaffalu,’’ jechuun dubbate.

MM Abiy eenyu akka fonqolcha mootummaarratti marii gaggeessaa ture ibsuu baatus, wayita dhimma kana kaasu ‘’abbootii keenya’’ fi ‘’obboloota kiyya gurguddoo’’ jechuun ibseera.

Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa tasuma hin milkaa’u jechuun wayita paarlaamaaf mirkaneessu ‘’Nuti loltoota Fonqolchi mootummaa akka hin milkoofnetti biyya tiksan jaarmiyaan ijaarre,’’ jedheera.

‘’Mana maree kanaaf mirkaneessuu kanan barbaadu gatii nageenyaaf kaffalamu hunda kaffaluun nageenya biyya kanaa akka mirkaneessuudha,’’ jedha MM Abiy.

‘’Mee Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa milkaa’e haa jennu. Amma Itoophiyaa keessatti nama wayii ajjeesnee fonqolcha mootummaa yoo gaggeessine, Itoophiyaa akka Sudaan gochuu keenya. Itoophiyaan biyya taatee nutis mootummaa taanee itti fufuu hin dandeenyu,’’ jechuun akeekkachiisee MM Abiy.

Dubbii isaa kanarraa sodaan haa mul’atu malee yoomiif eessatti Fonqolchi mootummaa yaalamaa akka jiru qabatamaan miidiyaalees ta’e paartilee siyaasaa irraa waan dhagaa’ame hin jiru.

WBO’n yoo aangoo qabates akka hin milkoofnetti kan dubbate Abiyyi, Qawween paartii PP bakkaa sochoosuun akka hin danda’ame dhaadate.

Share this on: