Gaanfa Afrikaa nagaa dhorkachuuf qaamni socho’u jira jechuun Itoophiyaan himatte
Gaanfa Afrikaa nagaa dhorkuuf qaamota hojjetaa jiran callisee hin ilaalu jechuun Itoophiyaan dhaadatte
ODM: Hagayya 29,2024
Misiriin meeshaa waraana Somaaliyaaf arjoomte jedhamuun booda ibsa laatteen Itoophiyaan qaamota gaanfa Afrikaa nagaa dhorkuuf socho’an callisee hin ilaalu jechuun dhaadatte
Mootummaan Itoophiyaa Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu balaadhaan kan guutame jechuun yaaddoo qabu ibse.
Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa, Itoophiyaa naannicha keessatti wantoota nageenya ishee balaadhaaf saaxiluu danda’an dammaqinaan hordofaa akka jirtu ibseera.
Ibsi kun kan ba’e Masriin qondaaltota waraanaa fi meeshaalee gurguddoo gara Somaaliyaa Moqaadishootti erga ergitee guyyaa tokko booda yoo ta’u, kunis qaama adeemsa humnoota Masrii 10,000 ta’an Somaaliyaatti bobbaasuuf karoorfame ta’uu miidiyaaleen gabaasaniiru.
Ji’a Caamsaa bara kanaa Somaaliyaan, Ergamni Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) hojiisaa Muddee dhufu yeroo xumuru humna nagaa kabachiisuu bakkasaa buufamu keessatti “loltoonni Itoophiyaa hin hammataman” jette turte.
Itoophiyaan ergama nagaa kabachiisaa haaraa Somaaliyaa keessatti bobbaasuuf karoorfame ilaalchisee qooda fudhattoota ijoo waliin mariin bal’aa akka taasifamu Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniitti iyyatteetti.
“Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ce’umsa kanaaf yeroo qophaa’aa jiranitti naannichi gara muddamaa seenaa jira. Iyyanni Itoophiyaa fi biyyoonni loltoota gumaachan irra deddeebiin taasisaa turan xiyyeeffannoo hin arganne,” kan jedhe Ministeerichi, itti dabaluun “Itoophiyaan ibsa diinummaa fi wareegama Raayyaa Ittisa Itoophiyaa kaffale xiqqeessu qaamolee kaan [Somaaliyaa] irraa bahu tuffattee akka bira darbitu irraa eegamaa jira” jedhe.
Itoophiyaan “nageenya fi tasgabbii Somaaliyaa fi naannichaaf, guddina walootif, akkasumas walitti dhufeenya cimaa ummatoota naannichaa guddisuuf dadhabbii malee hojjettee jirti” jechuun irra deebi’ee ibseera.
Gaanfa Afrikaatti gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaaf deebii Somaliiland booda dhibdeen hammaatee jira. Ulaa galaanaa Somaliiland Itoophiyaaf kennuuf akkasuma Itoophiyaan ammoo beekamtii biyyummaa akka kennituuf walii galtee irra gahameen booda Somaaliyaan biramadummaa biyyakoo sarbite jechuun Itoophiyaa faana dhibdee keessa seente.
Dhibdee sun sadarkaa waraana walitti bobbaasuutti gahuu isaa miidiyaaleen gabaasaa turaniiru. Somaaliyaan Misirii waliin wal ta’uun dhimma waraanaa irratti walii galtee uummachuun Itoophiyaa akkaa aarseera. Misiriif Itoophiyaan sababa hidha Abbayyaa jibbeerraa gara diinumaatti ce’aniiru