Gamoon Paarlaamaa Keeniyaa gar-tokkoon gubate
Mormitootni Keeniyaatti miseensota Paarlaamaa lafa lixaa dhowwuun gamoo Paarlaamaa biyyattii gar-tokkoos abiddaan guban.
Keeniyaattii dhimma Gibiraan wal qabatee mormiin mootummaa akka malee biyyattii raasaa jira. Uummatni biyyattii yeroo adda addaa dhimmoota akka daballii Gibiraa, Qaala’insa jireenyaa, daballii bittaa wantootaan wal qabsiisuun mormii dhageessisu.
Wanti guddoo uummata biyyattii cimina isaa raagessu dhimmoota dinagdee mootummaan akka fedhe gochuu dadhabuusaati. Kun garuu Itoophiyaa keessatti ta’ee hin beeku. Uummatni Itoophiyaa hangam jireenyi qaala’us daandiitti bahee mormuun dhagaa’amee hin beeku. Callisuu filachuun waan gaafatame kaffaluun ala. Dhimma qaala’insa jireenyaaf mormii dhageessisuun akka uummata Itoophiyaatti dhagaa’amee beekuu haa baatu malee dhimmi siyaasaa madda mormii isa olaanaadha.
Qaraxa gaafatamuuf Gibira irrattis lammiilee Itoophiyaa mormii dhageessisuun dhagaa’amee hin beeku. Keeniyaatti garuu wantoota mormiif uummata kakaasan keessaa dhimmi dinagdeef qaal’iinsaa isaan ijoodha.
Haala kanaan mormii guddaa har’a magaalaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa ooleen lubbuu namootaa 10 darbeera. Mormiin kun wixinee gibiraa mootummaan Keeniyaa baase balaaleffachuu irratti fuulleffata.
Mormii dhalate kanaanis Paarlaamaan biyyattii gariin abiddaan gubachuun meeshaaleen keessa jiran akka malee manca’uu miidiyaaleen gabaasaa jiran.
Mormiin osoo Paarlaamaan biyyattii walga’ii irra jiruu dhalate kanaan Miseensonni paarlaamaa wal gahiirra turan garatti bahan dhabuun iddoo lafa jalaatti dhokatanii turuu himameera.
Daballii gibiraa mootummaan biyyattii raggaasifama jedhamee eegamaa ture dheekkamsa kaasuun uummata daandiitti baase. Kanarratti qaala’insa jireenyaa hammate irratti gibira dabaluun uummata dheekkamsiiseera.
Walitti bu’iinsa poolisiifi lammiilee Keeniyaa mormiif bahan kanaan namoonni heddu ajjeefamuu akka hin oolletu himama. Lakkoofsi namoota du’anii ammaaf 10 haa jedhamu malee sanaa ol ta’uu akka hin oolle shakkama.
Poolisoonni mormitootaa parlaamaa biyyattii seenaniifi ala jiran bittimsuuf yaalii gochaa turaniin miidhaa lubbuuf qaamaa dhaqqabuu danda’eera. Ambulaansiwwan namoota miidhaman gara mana yaalatti fuudhanii osoo fiiganii daandii irratti ni mul’atu.
Mormitoonni ammoo Gamoo paarlaamaa Keeniyaa caccabsuun kaan isaatti ammoo abidda qabsiisan. Taa’umsaaf foddaan paarlaamaa Keeniyaa caccabuu isaa barameera
Poolisiin gamicha keessaa baasuuf yaalus humnaan galuun mancaasaniiru. Gidduugala magaalaa Naayiroobii CBDtti hakiimonni bakka wal’aansaa qopheessuun namoota miidhaman wal’aanaa akka jiranis maddeen gabaasu.
Poolisiin duraan gaazii imimmaanessituu fi rasaasa pilaastikaa fayyadamaa ture amma rasaasuma sirriin namoota rukutaa jira jechuun uummati biyyattii hedduun marsaa miidiyaan balaaleffataa jira.
Dhimma qaala’insa jireenyaa bulchiinsi Wiiliyaam Ruutoo nii salphisa abdiin jedhu hawwii lammiilee Keeniyaa hedduu ture. Akka gara aangootti dhufeen dhimmoota dinagdee Keeniyaa fooyyeessuu xiyyeeffatee haasaa turus dhimmi qaala’insa biyyattii furmaata maseeneera. Liqii biyyoota biraa fudhachuu akka dhaabu dhaadataa gara aangootti dhufus ofii isaatis bulchiinsi Wiiliyaam Ruutoo liqii biyyoota biraa fudhachuuf dirqameera. Kun tarii deggartoota isaa kan turan illee akka isa morman ulaa banee jira.
Peresedaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo maal jedhe
Peresedaantiin Keeniyaa mormii biyyattii keessatti muddama uume irratti yaada laate
Dhimma daballii gabaan wal qabatee raafama guddaa keessa kan jirtu Keeniyaan har’a taateewwan jajjabaa keessummeessiteetti. Miseensotni paarlaamaa hiriirtota baqaaf gamoo jalatti dheessuurraa hanga walakkaan gamoo paarlaamaa biyyattii gubatuutti hokkorri adeemsifame.
Galma bulchaa magaalaa Naayiroobiis abiddi itti qabateera. Namootis du’aniiru. Mormii kana ilaalchisuun Wiiliyaam Ruutoon yaada kennaniiru.
Pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoo mormii har’aa ilaalchisee ibsa yoo kennan, ”mormichi yakkamtootaan butameera” jedhan.
Warra nageenya biyyaalessaas yaaddoo tahan tasgabbeessuuf humna biyyattiin qabdu guutummaan hojiitti bobbaafameera jedhan.
Ruutoon dargaggootni dhimma daballii gibiraa ilaalchisee adda durummaan gaaffii dhiyeessuu isaanii galateeffataniiru.
Garuu ‘’karaa heeraa qabeessaan qofa gaggeeffamuu qaba’’ jedhe.
“dhimmi mariin furamuu qabu kun namoota balaafamoon butameera. Kun Keeniyaaf waan gaddisiisaadha’’ jedhe.
Abjuun Keeniyaan bulchiinsa Wiiliyaam jalatti nagaa argatti jedhu shakkii gonfateera. Dargaggootni kaleessa Wiiliyaam tumsaa turan har’a mormii itti bananiiru. Mormiin biyyattii keessatti dhimma qaala’iinsa jireenyaan dhalachuun kanaan kan jalqabaa miti. Bulchiinsa Wiiliyaam Ruutoo duras mormiin akkanaa guddaan gaggeeffamaa tureera.
Gaaffii qaala’iinsa jireenyaa nii fooyyessa jedhamee kan yaadame Wiiliyaam Ruutoos mormiin mudateera