Geetaachoo Raddaa fi Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el wal himannaa irraa hanga hiriira wal irratti waamuutti ga’a

TPLF walga’ii boordiin filannoo hin beekne waame jedhamuun qeeqamaa jira.

Hogganoota naannoo Tigraay gidduu fedhiin aangoo sadarkaa wal bittimsuutti isaan fidaa jira. Inumaa rakkoon Peresedaantii naannichaa duraanii Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el fi hogganaa bulchiinsa yeroo naannichaa ammaa obbo Geetaachoo Raddaa gidduu jiru sadarkaa wal qoqqoduu hammaataatti geesseera

Kanaanis tibbana TPLF gareen Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el durfamu walga’ii yoo waamu garee obbo Geetaachoo Raddaa fi boordiin filannoo walga’ii san fudhatama hin qabu jedhan

Boordiin filannoo biyyaaleessaa yaa’ii Addi Bilisummaa Ummata Tigraay gaggeessuuf deemuufi murtii yaa’ichi dabarsuuf beekamtii hin kennu jechuun ibsee jira.

ABUT, gamasaatiin, yaa’ii waliigalaa paartichaa guyyaa har’aa akka gaggeessu miidiyaaleen naannichaa gabaasaniiru. Yaa’iin waligalaa kun beekamti Boordii Filannoo Itoophiyaatiin ala waan ta’eef murtoo yaa’ichi dabarsuuf beekamtii kan hin kennine ta’uu boordichi ammoo beeksiseera.

Paartichi xalayaa Televiziyoona Tigraay, Sagalee Wayyaanee fi FM Maqaleetiif barreesseen, yaa’ii Hagayya 7 gaggeeffamu jaamsuu fi burjaajessuuf jecha gabaasa dogoggoraa dhiheessaa waan jiraniif kana gochuurraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

Naannichatti dhimmooti adda addaa atakaaroo yaadaa ta’uun bubbuleera. Tibbuma kana Boordii filannoof paarticha gidduu wal himannaa taasifamaa ture. Boordiin filannoo haala addaan paarticha galmeessuu yoo himu, paartichi ammoo akka duraatti deebinee galmoofna malee waan akka addaatti nu galmeessisu hin jiru jechuun mormaa ture.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa ibsa Hagayya 6, 2016 baaseen “dhimma seera-qabeessummaa ABUT furuuf mootummaan wanta gochuu danda’u hunda godheera,” jechuun ABUT murtee boordiin filannoo dabarse akka kabaju akeekkachiiseera.

Gaggeessitootni TPLF obbo Geetaachoo Raddaa fi Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el hanga hiriira wal irratti waamuutti ce’aniiru.

Itti aanaan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay fi Hogganaa Biiroo Nageenyaa Leetnaant Janaraal Taaddasaa Warradaa, “nageenya naannichaa fi nageenya ummataa balaadhaaf waan saaxiluu danda’uuf” waldhabdeen siyaasaa Tigraay keessatti deemaa jiru kanaan walqabatee hiriirri deeggarsaas ta’ee mormii dhorkaa ta’uu beeksiseera. Akkasumas “garaagarummaan ilaalcha siyaasaa hoggantoota olaanoo ABUT gidduu jiru karaa nagaa akka furamu” abdiin qaba jechuun ibseera.

“Nagaa naannichaafi nageenya ummataa tiksuuf jecha yeroo hin murtoofneef hiriira deeggarsaa yookiin mormii gaggeessuun dhorkaadha. Waldhabdeen siyaasaa gara rakkoo nageenyaa kamittuu akka jijjiiramneef hiriira kamiyyuu humni nageenyaa hin eeyyamu,” Jedha janaraal Taaddasaan.

Share this on: