Google irratti Himannaan Baname

Guugil icciitii dhuunfaa hordofuusaatiif himannaan $5bn irratti baname

Googil icciitii dhuunfaa fayyadamtootaa soquun mirga isaanii sarbuun Ameerikaatti himatameera.

Fayyadamtoonni intarneetii isaanii ‘pirate mood’ (akka eenyuyyuu hin arginetti) godhanii yoo fayyadamanillee isaan hordofaa ture jedhameera dhaabbatichi.

Himannaan kun Googiliifi abbaa qabeenyaasaa irraa beenyaa doolaara biiliyoona shan gaafateera.

Fayyadamtoonni intarneetii yoo moodii dhuunfaadhaan(private mode) Guugilii irraa waa barbaadan akka hin mul’anne yookiin hin beekamnetti beeku.

Guugil garuu akkas mitii jedheera.

Dhaabbatichi gochi kun seeraan ala tahuu haalera, daataa gama kanaan walitti qaburratti ifatti akka beeksisus dubbateera.

Himannaan dhaabbaticharratti dhiyaate fayydamtoota miiliyoonaan lakkaa’aman Waxabajjii 1 bara 2016 irraa qabee Guugilirratti ‘moodii dhuunfaa’ dhaan fayyadaman dabalata.

Jaarmiyaan Seeraa Booyis Sheelar Fileeksinar jedhamutu mana murtii Kaalifoorniyaa Saan Jooseetti himannaa kana bane.

‘Moodiin dhuunfaa’ Guugil namoonni Kiroomii irratti odeeffannoo yoo barbaadan waan isaan barbaadan akka hin argamne ykn hin kuufamne godha.

Haatahu malee, Guugil Anaalitikaa fayyadamuun sochiin marsariitii sanarra ture baruun danda’ama.

Himannichi akkas jedha,”Guugil dhoksaafi seeraan ala daataa lammiilee Ameerikaa bilbilaa mosaajii isaaniirraa guuruu dhaabuu qaba.”

Dubbii himaan Guugil Joosee Kaastenedaa himannicha hadheessanii haaluun,”yeroo mara fayydamtoonni bilbila isaanii ‘moodii dhuunfaa’ irra yoo godhan odeeffannoon marsariitii fayyadaman irraa guurumuu akka danda’u ni beeksifnaan,” jedhan.

Seenaa odeeffannoo isaan barbaadaa turan walitti qabuun yerooma isaan akka dhokatu barbaadaniyyuu, fayydamtooti qabiyyee,oomishaa fi daldala isaanii akka fooyyessan gargaara jedha.

Dhaabbati Guugiliin himataa jiru kun himattoota sadii Ameerikaa jiran bakka bu’eeti.

”Namoonni yeroo dhihootii asitti icciitiin dhuunfaa isaanii dhaabota kanaan akka guuramu hubachaa jiru jedheera.

Share this on: