Haleellaa Hizboollaa Sanbataa haaloo bahachuu Israa’el ibsite

Haaloo bahannaa Hezbollaan Israa’el haleelee hordofee humni qilleensa Israa’el Libaanos rukute.

Lola yeroo dheeraa Hamaas fi Israa’el gidduu kan siyaasa addunyaa sadarkaa waraanaatti jijjiiruu irra gahe ammallee itti fufee jira. Gartuu lamaanuu duuba biyyootni harka dheeraa qabaachuun rakkinni naannichaa wal xaxaa akka ta’u taasiseera.

Biyyoonni akka Ameerikaa waraana kana keessatti gama Israa’el dhaabbachuun wayiita deggarsa taasisan Iraan dabalate biyyoonni hedduun ammoo gara Filisxeem dhaabbachuun waraanni kun itti fufeera

Haala kanaan tibbana Hezbollaan Israa’el irratti haleellaa rokkeettii gaggeessen ijoollee 12 ajjeessuun kaan irraan ammoo miidhaa guddaa dhaqqabsiisuu humama.

Haaloo kanaa Israa’el ammoo duub-deebii isaa Hizboollaa irratti haleellaa gaggeessuu ibsitee jirti. Haleellaa Hizboollaa kana ilaalchisuun humni qilleensaa Israa’el akka beeksisetti haleellawwan qilleensarraa kan gaggeeffaman buufataalee waraanaa Hezbollaa Libaanos keessatti argamu irratti.

Haleellaa Gaaren Goolan magaala Diruuz jedhamtutti ijoollee kubbaa miilaa taphatan irratti gaggeeffameef Israa’el garee Hezbollaa Libaanos keessa jirutti quba qabde. Garichi garuu namoota nagaa kana ajjeesuu keessaa qooda akka hin qabne waakkateera.

Humni Waraana Israa’el Kaleessa ganama akka beeksisetti daangaa Libaanos bakkeewwan buufataalee humna Hezboolaa torba irratti haleellaa qilleensarraa raawwateera.

Waraanni Israa’elifi Hamaas gidduutti eegalee Hezboollan michuusaa Hamaas irra goruun Israa’el wajjin walitti dhukaasaa turan. Walitti haa dhukaasan malee gareen lachuu gara waraana guututti hin galle.

Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 gaggeessee as guyyaa tokkotti lammiilen Israa’el 12 du’uun kun isa jalqabaati. Kuni ammoo Israa’elifi Hamaas gara waraana guututti galuu danda’u kan jedhu sodaa uumera.

Haleellaa Sambata darbe Gaarren Goolaan irratti gaggeeffame booda ministiirri muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Hezbollaan gatii guddaa akka baasu dhaadatan.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Israa’elis ta’ee Hezbollaan haala jiru akka qabbaneessaniif waamicha dhiyeesseera.

Hamaasii fi Isiraa’el gidduu abiddi dhaamuu hin dandeenye waan qabate fakkaata. Erga lolli qaamolee lamaan gidduu eegale, gara Hamaas goruun Hisboollaan Isiraa’eliin guddoo haleelee jira. Gara Isiraa’el dhaabbachuun ammoo Ameerirkaan baajeta waraanaa Doola biliyoonaan lakkaa’amu ramaddeetti.

Share this on: