Harargee Bahaa Baddannootti manneen uummataa waraanaan diigaman

Harargee  Bahaa aanaa Baddannootti manneen uummataa waraanaan diigamuu himame

Lola Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun dararaan uummatarra gahu hammaachuun namoota meesha maleeyyii irratti manni diigamaa akka jiru himame.

Akkuma kutaalee Oromiyaa biroo keessatti raawwataa ture waraanni mootummaa mana hawwaasa nagaa diigaa jiraachuu isaa gabaasichatu ibsa

Gochaan kun dheengadda Hagayya 18,2024 kan raawwate yoo ta’u, bakki manni uummatarratti diigamuun himame kun, Hararge Bahaa aanaa Baddannoo bulchiinsa magaalaa Furdaa jedhamu keessatti ta’uu ibsameera.

Sababa gahaa tokkoon ala caasaan PP mmagaalaa bal’isna” jechuun namoota dukkaana qaban jalaa diiguu jiraattonni magaalichaa eeran.

Kanneen manni jalaa diigame
– Obbo Afandii Ahimad Aadam,
– Saalimee Jamaal Hasan,
– Mulee Hayilee,
– Mangistuu Hayilee fi namoota biroo hedduu jalaa babal’ina magaalaa jedhamuun manni jireenyaa diigamuu eerameera.

Magaalaa Oromiyaa hedduu keessatti maqaa misooma magaalaa jedhuun manni hawwaasa jalaa diigamuu gabaafamaa tureera. Ta’iin kun Buraayyuu qabee , Jimmaa fi akkasuma amma ammoo Hararge keessatti illee raawwataa akka jiru gabaasichatu ibsa.

Kaasaa tokko malee mana jireenyaa uummataa humnaan diiguun akka fedhanitti dhimma itti bahaa jiraachuu himameera

Share this on: