Hawwaasni Oromoo Shawaa Kaabaa hedduun Waanjoon of camadee WBO fi mootummaan nagaa buusaa jechuu itti fufe.

Hidhamee nagaa argachuu kan dadhabe uummatni Oromoo hedduun waanjoof of camadee daandiitti bahuu aadeffataa jira

Waraanni Oromiyaa keessatti adeemu qe’ee qonnaan bultoota Oromoo hedduu barbadeesse. Namaaf qabeenya hawwaasichaa onsee golgoleessee beelaaf kaadhimeera.

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti adeemu, waggoottan ja’aa oliif boqonnaa tokko malee itti fufee jira. Qisaasama waraanaa kanaan mootummaan Itoophiyaa qabeenyaa biliyoonotaan lakkaa’amu dhabuu akka hin oolle tilmaama.

Waraana keessaa bu’aa maaltu argamaree gama Oromoon hawwaasni gaaga’ama fakkaataa hin qabne keessummeessee ammallee san keessatti kufee jira. Waggoottan ja’an darban kana rakkoowwan wal xaxoo hawwaasicha gaadi’anii ka’aniin mancaatiin qabeenyaa ulfaataan dhaqqabeera.

Rakkoo kana xumura itti tolchuuf hawwaasni abdiin eeguun ala guyyaan furmaata dhibee bubbuluun, inumaa abdii kutachiisaa ta’eera. Tibba darbe hawwaasni Oromoo Salaalee of camadee daandiitti bahee gama lamaaniinuu waraanni akka dhaabbatu gaafataa ture

Hiriira kanaan Farda luugamuun, qotiyyoo camaduun dargaggootas akka sangaa camadanii maaloo nagaa buusaa osoo jedhanii suuraaf Vidiyoon deggaramee deddeemaa tureera.

Har’as godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaa fi magaalaa Caancootti uummanni addabaabaayiitti bahee qaamonni Oromiyaa keessatti walwaraanaa jiran nagaaa akka buusan gaafate.

Uummanni farda luugamee, daa’imaa camadee, kallacha, Caaccuu fi marga qabateeti bahee araarri akka bu’u kan gaafate.

Abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, haadholiin siiqqee fi hawaasni bal’aan irratti hirmaatee jira.

Waraanni miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jiru kun akka irraa dhaabbatu gaafachuu gabaasichatu ibsa. Miidhamni waraanaan hawwaasni argaa jiru gidiraan dhaabbatee nagaan akka bu’u, bahee nagaan galuuf haalli akka aanja’uufii qabu uummatni kun gaafataa jira.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *