Himatni Somaaliyaa bu’uura hin qabu jechuun Itoophiyaan deebii kennite.

Himatni Somaaliyaa bu’uura hin qabu jechuun Itoophiyaan deebii kennite.

Tibbana loltoota seeraan ala daangaakoo seensiste jechuun Somaaliyaan dhaabbata Mootummoota gamtoomanii irratti himattee turte. Dhimma kanaaf deebii kan kennite Itoophiyaan ammoo gama isheen himata bu’uura hin qabnedha jechuun fudhatama dhabsiifte.

Himati kun gama Somaaliyaan kan dhiyaate yoo ta’u, loltootni Itoophiyaa ”eeyyamakoo malee daangaakoo seenan” jechuun ture kan himatte. Himata kanas mana maree nageenyaa UN tti dhiyeessite. Himannichi Somaaliyaa irraa karaa bakka bu’aa Somaaliyaa kan ta’e Abukar Dahir Osmaniin dhiyaate.

Dhumma Kanaaf Itoophiyaan gama dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaan deebii kan kennite yoo ta’u himannuchi bu’uura hin qabu jetteetti.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu’aa Somaaliyaa kan ta’an Abukar Dahir Osman loltoonni Itoophiyaa ”kallattiiwwan hedduun” daangaasaanii cabsanii seenuu Mana Maree Nageenyaa jaarmiyaa addunyaa kanatti himataniiru.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaddar Nabiyyuu Tadlaa ”loltootni keenya Somaaliyaa keessa jiraachuun beekamaadha jechuun Waan haaraan amma mudate hin jiru jedhan.

Qondaalli Itoophiyaa akka jedhetti ajajoota waraanaa Humna Ittisaa Itoophiyaa sochii naannichaa hogganan waliin mari’achuu caqasee waraana Somaaliyaaf yaaddessaa ta’e kan duraan alatti naannichatti kan hin bobbaafne ta’uu eere.

Odeeffannoo qabnuun yaaddoo nageenyaa fuulduratti dhufuu malu ittisuuf kan dandeessisu shaakala waraanaa idilieeti kan gaggeeffamaa ture kan jette Itoophiyaan, himata Somaaliyaan daangaakoo seeraan ala seenuun waraana natti banuuf jiru jettu fudhatama dhowwatan.

Waraanni Somaaliyaa daangaa Somaaliyaa ammaan ala bahee to’annoo gaggeessu gara biraan hin jiru kan jedhan Itoophiyaa bakka bu’uun Obbo Nabiyyuun ”oppireeshiniin daangaa ce’uun gaggeefame hin jiru” jedhan.

Itti dabaluun wal jijjiirraan humna waraanaa akkuma kana dura godhamaa ture ammas jiraachuu kan himan dubbii himaan kun, waraanni Itoophiyaa daangaa Somaaliyaa gale jedhamuun himanni dhiyaate ”bu’uura kan hin qabne” jedhan.

”Waanti ture bakka tokkoo gara bakka biraatti jijjiirraa humnaa, dhiyeessii loojistkii fa’aa malee waan haaraan mudate hin jiru” jechuun dubbatan.

Haala amma isaan waliin jiruun dhimmicha miidiyaa irratti afarsuuf yoo tahe malee sochiin loltootaa haaraan gaggeeffame hin jiru jedhan.

Qondaalli Itoophiyaa akkana haa jedhu malee hawwaasni Somaaliyaa daangaa Itoophiyaa jiraatan ammoo loltoonni mootummaa hedduun Somaaliyaa seenuu himu. Akka jiraattota wabeeffachuun miidiyaaleen gabaasanitti kutaawwan bulchiinsaa Somaaliyaa Itoophiyaa waliin wal daangessan keessaa tokko taate, bulchiinsa Hiraan, magaalaa Maatabaan, miseensota Raayyaa ittisaa Itoophiyaa meeshaa gurguddaa hidhatan kumaatamaan lakkaa’aman naannichaatti argamaniiru.

Bulchaan magaalaa Maatabaan loltoonni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab hordofanii hayyama mootummaatiin ala daangaa Somaaliyaa ce’uu erga ibsanii booda, miseensonni Raayyaa ittisaa Itoophiyaa kun gara irraa dhufanitti deebi’aniiru jechuun miidiyaaf yaada laateera.

Biyyoonni ollaa walii ta’an Itoophiyaan dubbii wal barbaaduun bara kana baatii Amajjii keessa erga walii galteen ulaa galaa Itoophiyaa fi Somaaliland gidduutti mallattaa’ee hammaate. Somaaliyaan biyya Somaaliland akka bulchitutti naannolee qabdu keessaa tokko akka taatetti fudhatti.

Somaaliland ammoo biyya of dandeesse ta’uu yoo himtu murtii barbaadde biyya ishee keessatti murteeffachuu kan na dhorku hin jiru jetti. Kana gidduutti walii galtee Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaan wal qabsiiftee taasifteen Somaaliyaan birmadummaan kiyya xuqame jechuun himata itti banteetti. Haalli waraana walitti bobbaasuurraan gahe kan bara kanaa maddi isaa kan ta’uu himama.

Share this on: