Itoophiyaa fi Somaaliyaan wal qoccoluu itti fufan

Itoophiyaan dhibdee jiru mariin furuuf fedhii hin qabdu jechuun Peresedaantiin Somaaliyaa himan.

ODM: Adoolessa 8,2024

Gaanfa Afrikaatti biyyoota ollaa walii ta’an Somaaliyaa fi Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa irratti dhibdee baatii Amajjii bara kanaa irraa qabanii itti jiran furachuun lafarra harkifateera.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf walii galtee Somaalilaand waliin taasifteen booda rakkoon gidduu isaanii kan hammaate sadarkaa waraanaa walitti dhaadachuurra gahaniiru.

Torban darbe keessa marii irra kan turan biyyootni lamaanuu gama Dipiloomaatota isaaniin rakkoo jiru mariin furuu akka qaban walii galuu miidiyaaleef eeraa turan. Marii Turkiitti adeemsifameen booda dipiloomaatonni biyyoota lameenii yaada wal hubannoo jiraachuu haa himan malee Peresedaantiin Somaliyaa Itoophiyaan ejjennoo qabaataa turte jijjiiruu hin dandeenye jechuun qeeqaa tureera.

Gabaasaalee kaleessa bahan irraas hunachuun akka danda’ametti muddama dippilomasii Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru mariin furuuf Itoophiyaan qophii miti jechuun Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud yaada laachuun eerameera

Kana kan jedhan Pirezidantichi Sambata Mana Maree Somaaliyaatti haasaa baniinsaa taasisaniin yoo ta’u, biyyi isaanii muddama jiru karaa mariin furuuf qophii ta’u ibsani.

Haa ta’u male, mootummaan Finfinnee jiru mariif qophii miti jechuun dubbatan. Pirezidantichi kan kana jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad torban kana ”mootummaan Somaaliyaa nutti dubbachuurra gandarra naanna’ee nuun himachuu filateera,” jechuun erga dubbatan boodadha.

Biyyoonni lamaan lola qabbanaa’aa keessa kan turan sadarkaa dhibdee isaanii jabeessurra gahuun baatii darbe keessa gabaafamaa tureera. Kunis himannaa Somaaliyaan waraanni Itoophiyaa seeraan ala daangaakoo seene jedhuun ture. Himata kana garuu Itoophiyaan hin keessummessine.

Haa ta’u malee jiraattonni Somaliyaa daangaa Itoophiyaa jiran loltoonni Itoophiyaa baay’een daangaa qaxxaamuranii biyyattii seenuu miidiyaaleef ragaa bahaniiru.

Kana malees atakaaroo waraanaan wal qabateen loltoonni Itoophiyaa Alshabaab loluuf biyyattii keessa jiran akka Somaaliyaa gadhiisan biyyattiin gaafattee turte.

Rakkoo Itoophiyaa fi Somaaliyaa dhimma ulaa galaanaa gaafachuu Itoophiyaan booda dhalate kana mariin furuuf Turkiin torban darbe jaarsummaan ilaaluuf yaalii taasisuun eerama ture.

Jaarsummaa sanaanis rakkoo gidduu isaanii mariin furuuf walii galuu gam lachanuu dubbataa turan. Ta’us yaadni Peresedaantiin Somaaliyaa oggasuu kenne Itoophiyaan fedha araaraa akka hin qabne agarsiisa.

Kunis ejjennoo ulaa galaanaa irratti qabdu Itoophiyaan jijjiiruu didde komii jedhu kaasa. Ejjennoon sun ammo Birmadumma biyya isaanii kan sarbu ta’uu Somaaliyaan himattiPeresedaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad

Share this on: