Itoophiyaafi Somaaliyaan marii al kallattii Turkiitti adeemsisaa jiran

Somaaliyaa fi Itoophiyaan Turkiitti marii alkallattiirra jiraachuu gabaafame

ODM: Hagayya 13,2024

Biyya Turkii magaalaa Ankaaraatttti aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa marii alkallattii gaggeessaa jiraachuu miidiyaaleen ibsan.

Akka gabaasaaleen miidiyaa Anaadolui wabeeffachuun ibsanitti taanaan mariin kun ministeerota dhimma alaa Itoophiyaaafi Somaaliyaa gidduuttii adeemaa jira.

Marii kuni kan gaggeeffamaa jiru hoggantoonni biyyoota lamaan fuulleetti osoo wal hin qunnamin giddugaltummaa aanga’oota Turkiitiin gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera. Aanga’oonni lamaan qofaa qofaatti mari’achaa jiru.

Waliigaltee handaara galaanaa Itoophiyaafi Somaaliilaand jalqaba Amajjii 2024 keessa mallateessan hordofe waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduuttti uumame furuuf haala mijeessummaa mootummaa Turkiitiin magaala Ankaaraatti guyyaa kaleessaa ture kan eegale. Mariin kuni har’as itti fufee oola jedhame.

Waraana Itoophiyaafi Eritraa gidduutti bara 1991 gagggeeffamee tureen walqabatee Eritraa Itoophiyaarraa erga fottoqxee kaasee Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabdeerti.

Kana furachuuf barana walii galtee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin taasiftee turte. Waliigaltee godhame garuu biyya ollaa ishee Somaaliyaa waliin wal dhabsiiseera.

Share this on: