Itoophiyaan biyya salphaatti weeraramtu miti jedhame

Nuun Itoophiyaanoonni wanti guddaa dandeenyu tokko ofirraa qolachuudha jechuun MM Abiy Ahimad ibsan.

ODM: Fulbaana 9,2024

Erga gaanfa Afrikaatti atakaaroon hammaatee as biyyoonni dhibdee keessa jiran gamaa gamanaa jecha walitti darbachuu itti fufaniiru.

Kanaan bu’uura godhachuun Ministirri Muummee Abiy Ahimad kaleessa Fulbaana 8,2024 (Qaammee 3 E.C) yaada kennaniin qaamni Itoophiyaa weeraruuf yaadu dursee si’a baay’ee yaaduu qaba jechuun dubbatan.

‘’Eenyuyyu Itoophiyaa weeraruuf gaafa barbaadu, tokko osoo hin taane si’a kudhan yaaduu qaba. Sababni isaa nuyi Itoophiyaanonni wanti guddaa dandeenyu tokko ofirraa qolachuudha.’’ jedhan

Haasaan kun kaleessa guyyaa Birmadummaa jedhamee bakka kabajamaa jirutti taasifame. Dubbii isaaniin fedhiin Itoophiyaa nagaafi tasgabbii ta’u ibsaniiru. Ta’us, kanneen kana darbanii dhufan akka biyyi isaanii ofirraa qolattu dubbatan.

Eenyu akka Itoophiyaa weeraruuf jedhu maqaa osoo hin dhahin haasaa kana duuchumatti haasa’ani.  Dubbii isaaniirraa kan hubatame Itoophiyaan biyya salphaatti weeraramtu akka hin taanedha.

Somaaliyaa waliin dhibdee keessa kan jirtu Itoophiyaan harka Somaaliyaatiin Misiriin haleelamuufi jedhame wayiita sodaan uumametti kana jedhan.

Dhimma Hidha Haaromsaa irratti Itoophiyaa waliin dhibdee waggootaaf ture kan qabdu Masriin dhihoo xiyyaaronni waraanaa ishee Somaaliyaatti qubachuun muddama cimseera.

Kunis erga Masriifi Somaaliyaan waliigaltee waraanaa tolfatanii booda waan ta’edha. Ajajaa waliigalaa waraana Itoophiyaa kan ta’an MM Abiy wayita haasaa kana yeroo dhageessisan loltoonni toora galanii dhaabatanii, dungoo ibsaa wayita dhaaggeeffatan viidiyoon agarsiisu miidiyaan biyyaaleessa ETV mul’iseera.

Itoophiyaan waliigaltee kana haqxuu malee loltuun Itoophiyaa Somaaliyaa keessatti bobba’e akka bahu Somaaliyaan ibsiteetti. Bakka waraana Itoophiyaa kumaan lakkaa’amu waraanni Masrii bakka bu’uu mala yaadi jedhu erga dhagahamee booda dubbiin hammaate.

Somaaliyaafi Masriin waliigaltee waraanaa erga tolfatan booda xiyyaaronni waraanaa Moqadiishoo qubataniiru. Kanaanimmoo Itoophiyaafi bulchiinsi beekamtii idil-addunyaa hin qabne, Somaalilaand, yaaddoo jabaa ibsaniiru.

Masriinis dhimma Hidha Abbayyaan walqabatee tarkaanfii barbaachisu akka fudhattu dhihoo xalayaa UN’tti barreessiteen dhaamteetti.

Biyyoonni waraana walitti banu jedhaman gama hundaan waraanaan dhaadachuuf agarsiisa waraanaa jabeessaniiru.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *