Itoophiyaan biyyoota beelaan rukutamuun jiran keessaa tokko taate
Biyya paartiin badhaadhinaa bulchaa jiru Itoophiyaan biyyoota Beelaan hubamuuf jiran keessatti ramadamte
ODM: Adooleessa 19,2024
Rakkoo waraanaa, qaala’iinsa jireenyaaf balaawwan uumamaa kanneen akka hongeen wal’aansoo qabaa kan jirtu Itoophiyaan biyyoota Beelaan miidhamuuf hededa rakkinaa irra jiran ta’uu gabaasni saaxile.
Akka gabaasni Dhaabbata Nyaataafi Qonnaafi Sangantaan Nyaataa Addunyaa (FAO-WFP) waloon ibsa baasanitti Itoophiyaa biyyoota Afrikaa beelaan hubamuuf jiran keessatti ramadamte. Biyyattiin gaaga’ama hir’ina miidhaan nyaataa kan waraana, qaala’iinsa jireenyaafi balaa uumamaatiin walqabatuun hubamaa jirti jedhe.
Lammiileen miliyoona 13tti dhiyaatan ji’oota Adooleessaafi Fulbaana gidduutti gargaarsa miiidhaan nyaataa hatattamaa akka barbaadan gabaasichi eereera. Akkasumas, namoonni miliyoona afur ta’an buqqa’anii naannoolee Oormoiyaa, Somaalii, Tigraay keessatti argamaniidha.
Daa’immaa umriii shanii gadiifi haadholiin daa’ima hoosisan dhibee hir’ina miidhaan nyaataatiin saaxilamuun himameera. Lammiilee rakkatan kanneen gargaarsa miidhaanii dabalataa taasisuun rakkoo beelaa salphisuun barbaachisaa ta’uu ibsichi ifoomseera.
Guraandhala hanga Caaamsaatti dhiyeessi miidhaan nyaataa akka dabalataa kan omishamu ta’us naannoleen waqtii kanatti hin miidhaan hin omishne beelaaf kan saaxilaman ta’a. Naannolee kanneeniif gargaarsi miidhaan nyaataa daballataa barbaachisaa ta’a jedhame.
Raagni qilleensaa akka agarsiisetti, Caamsaa hanga Fulbaanaatti bokkaa cimaa roobu akka malu eeruun dhuma bara 2024 keessa omishni loonii gadi bu’uu akka danda’u ibameera.
Akka gabaasichaatti, qaala’iinsi miidhaan nyaataa rakkoo kana kan hammeessu yoo ta’u qaala’iinsa miidhaan nyaataa %22.7 fi qaala’iinsi waliigalaa %19.9 gaheera jedhame.
Dahaabbanni mallattoolee beelaa qoratu (FEWS NET) gabaasa baaseen, naannoleen Tigraayiifi kaababaha Amaaraa Caamsaa hanga fulbaanaatti beelaan kan saaxilaaman ta’uu ibsee ture. Lmmiileen miliyoona afur ta’an akka beela’an addeessee ture.
Kun ta’ee Itoophiyaan akka waan guddina saffisaa agarsiisaa jirtutti, inumaa biyyattiin badhaadhaa akka jirtutti miidiyaalee of harkaa qabduun ibsaa turteetti.