Ittisa Coronaa Appilikeeshiniin

Ityoophiyaatti Tattamsa’ina Weerara Vaayrasii Koroonaa Ittisuuf Appilikeeshinoonni Bilbila Sochootu Qophaa’an

Inistitiyuutiin Fayyaa Ityoophiyaa Ministeera Faayyaa fi dhaabbilee biroo waliin ta’uun tattamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu appilikeeshinii bilbila sochootu (moobayilaa) lama qopheesseera.

Appilikeeshinoota kana keessaa tokko nama vaayirasi koroonaa qabe waliin tuttuqii kan adda baasu.

Appilikeeshiniin kun biluutuuzii qofaan qunnamtii kan godhuu fi fageenya meetra 2 irratti raga kan agarsiisudha.

Appilikeeshiniin inni lammataan ammoo namoota vaayrasii koroonaan qabaman kna hordofudha. Appilikeeshinoota kanneen weebsaayitii Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Googil Pilaay irraa Dabo fi COVID-19 jedhu buusuun fayyadamuun akka danda’amu ibsameera.

Share this on: