Jireenya Ameerikaa

Taajjabbii koo: Afriikaarraa deemtee US jiraachuun maal fakkaata?

Ameerikaan ajjeechaa poolisiin lammii gurraacha Joorji Filooyid irratti raawwateen yeroo mormiidhaan waxalamaa jirtu kanatti, gaazexeessaan Keeniyaa Laarii Maadoowoo loogii sanyummaa isarra ga’e barreessee jira.

Ganna darbe torbee jalqabaa Magaalaa Niw Yoorki ga’etti, mana hiriyaa koo bakka sooreyyiin jiraatan, ‘Upper West Side’ jedhamutti argamuttin irbaataaf affeerame.

Kuduraa bitee korojoo pilaastikaan qabadheen manasheetti qajeele.

Keessummeessitoonnis iddoo banaa boroo gamoo sanaa jiruuufi bakka jiraattonni balfa itti gatan bira darbee kan jiru liiftii xuraawaa tokkotti na qajeelchani.

Yeroon darbii manashee ga’u affeertuun koo naasuun guutamte balbala narraa bante. Bifti fuulashee naasuudhaan daalachaa’eera.

‘‘Namichi balbalarra jiru kan jibba sanyummaan guutame sun nama qodaa naa fiduuf ergame itti fakkaattee jennaan karaa kan sigalche’’ naan jette. Gocha isaatiif dhiifama nagaafachaa.

Addunyaarra naanna’eera, biyyoota akka Afrikaa Kibbaafi UK sirna wal-xaxaa sanyummaan gutame qaban keessattis hojjadheera. Garuu kan waardiyyaan Ameerikaa kun warri adii jiruun milkaa’an gurraacha akka kootii irbaataaf affeeruu hin danda’an jedhee yaade hedduu na tuqe.

Gochi isaa kunis Ameerikaan biyya namoota hedduuf carraa uumtu taatus, ana gurraacha kana bifa kootiin xiqqeessitee akka namadaaltu na akeekkachiise.

Biyya gurraachi itti guute keessaa dhufuun koo homaa miti, warreen nafakkaataniifi as jiraatan namummaan isaanii akka mirkanaa’uuf sirna isaaniin qollifateefi adabuun waliin falmachaa jiraatu.

Keeniyaatti, namoota baay’eetti makadhee dhokachuu nan danda’a. Ameerikaatti garuu gurraacha ta’uu kootiin qofa yeroo hunda natti aggaamama.

Dubartiin saree waliin jirtu, ‘Namichi gurraachi Harvaarditti barate tokko seera paarkii eegi naan jechaa jira’ jettee poolisiitti bilbiltee guyyaa itti aanutti poolisiin Joorgi Filooyidiin mormarra jilbeenfatee lubbuu keessaa baase.

Qalbii kootu na cabe.

Biyyattiitti Joorji Filooyidiin dabalatee gurraachota ajjeefamaniif haqa gaafachuuf ummanni mormiif yoo ba’u, afuuran qabadhe.

Naman hin beekne tokkoof akkamittan gadda? Akka nama haaraa reefuu bidiruu irraa bu’ee Ameerikaa ga’ee badii isaanirra ga’u hin agarre tokkootti akkamittan miidhama isaanii dhuunfadha? Ani qabsoo Afriikaanota Ameerikaa kanaaf nama sirriidhaa jedheen of gaafadhe.

Achii booda viidiyoo mormii Loongi Biich, Kaalifoorniyaatti taasifame irratti waraabame tokkon arge, ifatti waamicha tumsa gaafatu dha.

“Karaan bareedaan Afriikaanonni Ameerikaa keessa jiran gurraachota Ameerikaa ittiin deeggaruu danda’an, nu waliin ta’anii nuti tokkuma akka taane hubachuudhaani’’ jedhe mormitoota keessaa tokko.

Maxxansaa gaazexaa ‘Mshale’ kan baqattoota Afriikaa Giddu-gala Lixa Ameerikaa tajaajiluu kan ta’e Toom Giitaa, akkas jedheen gaafadhe. Mormii Miniyaapooliisitti boodarra gara jeequmsaafi hannaatti jijjiirame kana akkamiin ilaalte?

“Afriikaatti dhimmoota mirga siiviilii waliin waan hin guddanneef darbee darbee hubachuun nu rakkisa.

“Garuu miidhaa poolisiifi loogii bakka hojii hundumti keenyayyuu gurraachota Ameerikaa barootaaf dararamaa turan waliin wal-qixa dhandhamanna’’ jedhe namni waggoota 30 dura Afriikaa Bahaarraa Ameerikaa dhufeefi intallisaa ganna 24 karaatti baatee namoota waliin sagalee dhageessisaa jirtu, Obbo Giitaan.

Warreen Afriikaarraa deemaniifi lammiilee gurraachota Ameerikaa gidduu yeroo hunda rakkoon ture. Aniifi hiriyaan koo Kaaran Atiyaa yeroo fiilmiin ‘Black Panther’ ba’ee turetti Waashingitan poosti irratti dhimma kana kaafnee turre.

Isheen gaazexaa sana keessa gulaaltuu yaada addunyaa dha. Baqattoota Afriikaa irraa Ameerikaa keessatti dhalatte. Ardii maatiinshee irraa dhufan waliin garuu hariiroo guddaa qabdi.

Maatiin Kaaran sanyiifi sanyummaa adii akkaataa isheefi obbolaan ishee dhaga’anii hin beekneen ittiin mari’achaa jiraachuu natti dubbatte.

“Nuti baqattoota waan taaneefi adda waan taaneef gurraachota Ameerikaa irraa akka fagaannu nurraa eegama ture,’’ jettee torbee kana natti himte.

“Amma garuu poolisiin yoo si argu, ati Gaanaa, Naayijeeriyaa yookaan Zimbaabuwee, yookiinis Atlaantaa fi Daalaas irraa dhuftee jedhee akka hin gaafanne, bifuma gogaa kee gurraacha sanaan akka adda sibaasu hubanneerra”.

Namoonni beekamoon akka Luupiitaa Niyoong’oo fi Tireevar Noowaah beekamtii isaaniitti fayyadamuun haqa gaafachaa qeeqa hiriira mormii ilaalchisuun ka’aa jiraniif deebii kennuun deeggaraa jiru.

Gamtaan Afriikaallee du’aatii Joorji Filooyid mormuun loogiin hunduu akka dhaabbatuuf mootummaa Ameerikaa gaafachuun ibsa hin baramne baasee jira.

Garboonni Afriikaa kolonii Biriiteen kan taate karaa Virjiiniyaa ganna 401 dura ture biyya kana kan dhufan.

Bara darbe ardii akaakileen isaanii irraa dhufan daawwachuuf namoonni muraasni Afriikaatti iamalanii turani.

Sagantaalee gurguddoo dhiyaatan keessaa feestiivaalli Afroocheelaa Gaanaatti qophaa’e isa tokko dha. Firii dadhabbii Abdul Kariim Abdullaa ture.

Yeroon bilbiluuf hiriira Niw Yoorkitti taasifame irratti hirmaatee reefuu boqochaa ture.

“Afriikaanonni hedduun falmiin kun kan isaaniis akka ta’ellee hin beekani’’ naan jedhe.

“Miidhaan namoota gurraacharratti dhaqqabu eessayyuu ta’u haqa dhabeessa. Waliin taanee falmachuu qabna.”

Warreen Afriikaarraa deemuun Ameerikaa jiraatan tokkummaa isaanii agarsiisuuf warreen ‘Lubbuun Gurraachaas Lubbuudha’ jedhan waliin duulaniiru, mormii ol-aantummaa adii hambisuu irratti hiriiranii jiru.

Qarshii isaaniis haqa barbaacha warra dhama’aniif gumaachanii jiru.

‘Namoonni gurraachi yeroo hunda loogiin irra ga’a’

Mormitoonni alaabaa biyyoota Afriikaa yookaan barreeffamoota afaanota ardittiitiin barraa’an qabatan kutaalee US gara garaa keessatti mul’atanii jiru.

“Kan bifti isaanii addaa, keessumaa gurraachonni hawaasa addunyaa kanarratti warreen hin hubatamne, kan loogiin irra ga’u, kan hin kabajamne dha,’’ jetti imimmaanin kan guutamte Jaadaa Wookar haasawa galma Daalaas Teeksaas fuulduratti taasifterratti.

Adaadoon ishee wagga lamaa kununsa addaa barbaadu yoo guddatu maaltu irra ga’a jettee yaaddofti.

“Yeroo hojjaa akkuma abbaasaa faana 6 dheeratuun asiif achi deemuufi poolisiin waan gaafatu sirriitti ibsuu hin dandeenyetti poolisiin maal gochuunii mala?”

Seenaa badaa poolisoonni warreen gurraachaafi magaala ta’an waliin qaburraa kan ka’e, maatiin yeroo hunda yaaddoo guddaa qabu.

Ifraa Udgoon, Somaaliyaatti kan dhalatteefi Kolombas Ohaayootti barsiiftuu sadarkaa 2ffaa kan taate, sodaa kanaan ilmashee ganna 13 guddifti.

Ugdoon falmii maatiin gurraacha Ameerikaa falmatan ifatti keesse. “As jiraachuu kootiif galateeffachuun qaba. Lubbuu kiyya garuu seexanatti gurguureen jiraa?’’ kan jedhu.

Afroocheelaan gurraachonni gufuuwwan isaan mudatu balleessuuf karaa ittiin tokkoomuu malanidha jedhee amana.

“Hiriyyoota koo Heeyitii, Beeniin fi Seenti Viinsenti jiraatan irraa qulqulleeffadheera. Loogiin lammummaa hin qabu. Sanyummaan malaan xaxame hunduma keenya miidha.’’

“Yeroo dheeraaf hangan jecha argadhuufitti hin hubannen ture. Karaarratti dhaabsifameen jira, sanyii kootiin qofa akka hin taanetti sakatta’ameen jira. Lolli kun lola kooti,’’ jedha Obbo Abdullaah.

Share this on: