Kiyyeessitoonni qurxummii galaana irra osoo jiranii dhangalaa’aa qaruuraa keessaa argatanii dhugan afur du’an

Namootni qurxummii qabuun jiraatan Afur Sirilaankaatti dhugaatii qaruuraan argatan dhuganii du’uu ibsame

ODM: Adooleessa 2,2024

Sirilaankaatti Kiyyeessitoonni Qurxummii namootni Afur qaruuraa bishaan keessaa argan keessaa dhugaatii argatan dhuganii du’uu barameera.

Akka gaaasaalee jedhanitti kanneen arfan du’an malee, lama kan biroo ammoo dhangala’aa hin beekamne qaruuraan osoo galaana irra jiranii argame kan dhugan akka malee dhukkubsataa jiraachuu gabaasaaleen ibsaniiru.

Namoonni doonii oofan kun imala qurxummii qabuu irra kan turan yoo ta’u, qaruuraa kana naannoo maayilii galaanaa 320 (600km) magaalaa qarqara galaanaa kibba odola Tangalle irraa fagaattee argamtu irraa akka fudhatan himameera.

Humni galaanaa Siriilaankaa gaazexeessitootaaf akka himanitti, qurxummii kan qaban kunneen qaruuraa kana keessaa alkoolii of keessaa qaba jedhanii yaadanii dhugan.

Daarektarri Olaanaa Kutaa Qurxummii fi Qabeenya Bishaanii Siriilaankaa Susantha Kahawatte, humni galaanaa reeffa isaanii gara qarqara galaanaatti isaan baasuun yaalaa akka jiru miidiyaalee hedduutti himaniiru.

Taatee kun magaalaa qarqara galaanaa  magaalaa guddoo Kolomboo irraa naannoo 193km fagaattee argamtu keessatti mormii kaasuun dooniiwwan hafan ammallee gara qarqara lafaatti akka deebi’an gaafachuu himameera.

Share this on: