Koronaa fi Robootii
Covid-19 itti fayyadama robootota dhala namaa bakka akka bu’aniifi ni saffisiisaa laata?
Akkuma weerarri kun addunyaa rakkisaa jirutti namni waa’ee fayyidaa robototaa dagate dhiifamni godhamuufii danda’a ta’a.
Gaariifis ta’ee hamaaf robotonni hojiilee dhala namaa hojjachuuf bakka bu’uuf ta’u jedhu ogeeyyiin. Akkasumas koronaavaayiras saffisaan tatamsa’aa jira.
“Namoonni yeroo baay’ee walitti dhufeenyasaaniif namni nu barbaachisa jedhu, ta’us garuu COVID-19 isa kana jijjiireera,” jedhu namni dhimma roobotonni waggoota 10 keessatti diinagdee keessati ni hirmaatu jedhee kan barreesse Maartiin Foord.
”COVID-19 fedhii namootaa jijjiiruuf deema, akkasumas hojiilee awutoomaatikiidhaaf carraa gaarii uuma.”
Dhaabbileen gurguddoo fi xixiqqoon akka itti baay’innaan robootii fayyadamanii fi lakkoofsa namoota qaamaa bakka hojiitti argaman hir’isuuf hojjachaa jiru.
Robootonni dabalataanis hojiilee namoonni manatti hojjachuu hin dandeenyeef nama bakka bu’uun akka hojjatan taasifamaa jiru.
Dhaabbanni gurgurtaa Ameerikaa guddaan Waalmaart, qulqullinna lafaatiif robootii fayyadamaa jira.
Kooriyaa Kibbaa keessatti roobootonni ho’a qaamaa safaruu fi saanitaayizar raabsuuf dhimmi itti bahamaa ture.
Waliirraa fageenyaa ogeessota fayyaatiin gorfamu hojiirra oolchuuf roobootonni bara 2021 keessa haalaan barbaadamuu danda’u.
Robootoota hojii qulqullinnaa keessatti
Dhaabbileen qulqullinnaa fi omishaalee saanitaayizar keessatti bobba’an fedhiin guddaan akka jiru hubataniiru.
Dhaabbanni ‘UVD Robots’ jedhamu dhaabbata Deenmark robootota omishuudhaan beekamudha. Dhaabbanni kunis maashinoota hedduu hospitaalota Chaayinaa fi Awuroppaa keessatti argamaniif raabseera.
Suuqonnii fi manneen nyaataa tajaajila namoonni akkuma bitaniin qabatanii deeman kennanis maashinoota kanneen fayyadamu.
Ogeeyyiin akka jedhanitti hojiileen daldalaa heddu akkuma banamaa deeman, bu’aaleen teeknooloojii kunneen namoota biratti hedduminnaan hojiirra oolfamuu danda’u jennee eegna – yeroon booda robootoonni manneen barnootaa yookiin waajjiroota keessan qulqulleessuu danda’u.
”Maamiltoonni ammatti nageenya isaanii fi nageenya ogeeyyii fayyaatiif cinqamu,” jedha barreessaan ‘The Customer of the Future’ Bileek Morgaan.
”Gara fuulduraatti bu’aaleen awutoomaatikiin fayyummaa isaanii fi maamilootasaanii haalaan ni eega.”
Ta’us garuu ammalleen hanqinoonni ni jiru. Adde Morgaan akka jedhanitti bakkeewwan gurgurtaan kuduraa fi muduraa taasifamutti maallaqa qabdoonni robootii sunneen sochii dhala namaa hir’isuu qabu.
Garuu sirnoonni heddu haalaan hin hojjatan yookiin salphaatti tajaajila kennuu dhaabuu danda’u kanaaf maamiloonni immoo rakkachuu diddaaf gara maallaqa qabdoota dhala namaatti jijjiiru.
Walirraa fageenya eeguuf gargaaruu danda’u
Yaaddoo fayyaatiif jecha iddoon robootoonni heddumminnaan keessatti hirmaatu jedhu tokko tajaajila nyaataati.
Dhaabbileen nyaataa akka McDonald robootoota akka nyaata bilcheessanii fi dhiyeessaniif akka yaaliitti ittiin gargaaramaa jiru.
Kuusaaleen dhaabilee akka Amaazoonii fi Walmaartiidhaan deeggaraman gahuumsa hojii dabaluuf robootitti fayyadamuu jalqabaniiru.
Inni kun immoo yaaddoo hojjattoota kutaa kuusaa sababa hojiitiif wal irraa fagaachuu hin dandeenye jedhan ni hir’isa. Akka ogeeyyii teeknooloojitti inni kun hojjattoota muraasa hojiirraa ni dhaaba.
Akka Maartiin Foord jedhutti weerara kana booda robootii fayyadamuun gabaa keessatti faayidaa ni qabaata jedha.
”Namoonni sababa yaaddoo hir’isuu danda’aniifi bakka hojjattoonni muraasni jiranii fi maashinoonni baay’een jiran filatu,” jechuun ibsa.
‘Artificial intelligence akka dhala namaatti
Tajaajila namni yeroo barnootaa barbaadamu hoo?
Barnootaaf, leenjiftoota ispoortiifi gorsitoota faayinaansii ta’anii akka gargaaraniif AI qophaahaa jiru.
Dhaabbileen gurguddoo akka Feesbuukii fi Google hojiilee dhalli namaa manaa hojjachuu hin dandeenye akka hojjataniif AL irratti irkachuun maxxaansaalee hin barbaachifne balleessaa jiru.
Gabaasni gorsaa idil addunyaa McKinsey’n bara 2017 bahe akka ibsutti US keessatti hojjattoonni tokko sadaffaan bara 2030’tti robootiidhaan bakka buufamu.
Yeroo akka kanaa weerarri jiraatuu immoo haala hojii ni jijjiira, akkasumas ogeeyyiin akka jedhanitti teeknooloojii addunyaa waliin hojjachuun murtee dhala namaati jedhu.