Lammiileen Itoophiyaa Saudi Arabiyaa keessatti gidiraa argaa turan 50,000 ol biyyatti deebi’uu himame.

ODM: Waxabajji 27,2024

Lammiileen Itoophiyaa hedduun jireenya ofii jijjiiruuf akkasuma rakkoowwan nageenyaan wal qabatee baqaaf saaxilamuun gara biyya Saudi Arabiyaa imalan miidhamaa hedduuf saaxilamuu gabaafamaa ture.

Lammiilee kanneen mana hiraarsaatti dararuun kanneen mana hidhaa keessaatti lubbuu dhaban illee akka jiran eerama. Inumaa uffata malee Feestaala itti uffisanii hidhu kan jedhu ijoo miidiyaa hawwaasaa ta’uun hanga ‘Challenge’ akka uffatatti feestaala gurraacha uffachuu miidiyaa hawwaasaan sagalee ta’uufitti deemamaa tureera.

Irra guddaan baqattoota kanaa ilmaan Oromoo ta’uu yeroo hedduu himama. Jireenya baqattummaa keessatti galaana gurraachaan nyaatamuu, gammoojjii keessatti daangaa irratti rasaasaan rukutamuu dabalatee miidhaa guddaan baqattoota Itoophiyaa mudachuu dhaabbileen gargaarsaa idil addunyaaf miidiyaaleen yeroo hedduu dubbatan.

Haala kana keessatti bara kana mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa jireenya baqaan Saudi Arabiyaa keessatti miidhamaa jiran biyyatti deebisuu himaa jira.

Kanaanis guyyoota 75 darban keessatti Itoophiyaanonni 50,000 ol Sa’udi Arabiyaa irraa gara biyyaa deebifamuu Itoophiyaatti Ministeerri Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiseera.

Jalqaba Ebla 2016 ALI eegalee guyyoota 75 keessatti Itoophiyaanonni 50,00 ol Saa’udii Arabiyaatti hidhaa keessa turan gara byyaa deebifamuu ministeerichi beeksiseera. Lammiileen kunneen balallii xiyyaaraa 12 torban keessatti gaggeefamaniif deebifamuu eerameera.

Lammiilee deebi’aniif mooraan tursiisaa ijaaramee tumsi barbaachisaan taasifamaa jiras jedha mootummaan.

Share this on: