Maanguddoo waggaa 93 Rooparti Mardook abbaa qabeenyaa beekamaa addunyaa namni miidiyaalee hedduu qabaachuun beekamu haadha manaa 5ffaa fuudhe.

Maanguddoo waggaa 93 Rooparti Mardook abbaa qabeenyaa beekamaa addunyaa namni miidiyaalee hedduu qabaachuun beekamu haadha manaa 5ffaa fuudhe.

ODM: Waxabajji 3,2024

Lammii Awustiraaliyaa kan ta’an maanguddoon maqaan isaanii Rooparti Mardook jedhaman kan umuriin isaanii waggaa 93 ta’e shamarree umuriin isaanii gadi taate waliin gaa’ela marsaa shanaffaa dhaabbatan.

Sooreessi abbaa qabeenyaa miidiyaalee hedduu ta’an Ruuparti Mardook sirna cidhaa Kaaliiforiyaatti gaggeeffameen haadha warraasaaanii haaraa lammii Raashiyaa taate Eleenaa Zihukoovaa waliin kan gaa’ila shanaffaa dhaabbatan.

Maanguuddoon kunis abbaa qabeenyaa gaazeexoota bebbeekamoo akka Fookas Niiwus, Wool Istiriit Joornaal, Za Sanii fi Za Taayimsi jedhaman dabalatee abbaa qabeenyaa miidiyaalee gara biraa dhibbaan lakkaa’amanii yoo ta’an, qabeenya qulqulluu gara doolaara biiliyoona 20 ta’u akka qaban Foorbiis gabaasee ture.

Mardook gargaartuu saaniifi Ismiiz waliin walitti dhufeenya qaban waggaa tokkoon dura akkuma adda kutaniin, lammii Raashiyaa kan umuriin waggaa 67 waliin walitti dhufeenya jaalalaa eegaluu ibsanii ture.

Ruuparti Mardook haadha warraasaanii haaraadhaan kan wal baran qophii affeerraa haati warraasaanii duraanii kan lammii Chaayinaa, Weendii Deeng qopheessite irratti jedhameera.

Abbaan qabeenyaa lammii Awustiraaliyaa ta’an kunis ijoollee jaha godhataniiru. Eleenaa Zihukovaa Maardookiin dura sooreessa Raashiyaa Aleeksaandar Zihukoovaa waliin gaa’ilaan jiraataa turte.

Bara 1950mota keessa gara addunyaa daldalaa kan seenan Ruuparti Mardook, bara 1960mota keessaa UKtti gaazeexoota Niiwus of Za Worldii fi Za San jedhaman bituudhaan ture kan abbaa qabeenyummaa miidiyaa ta’u eegalan.

Itti aansuudhaanis gaazeexoota Ameerikaa beekkamoo Niiw Yoork Poostii fi Barruu wool Istireet dabalatee, dhaabbilee miidiyaa hedduu bitaniiru.

Yeroo ammaa kanas Ameerikaatti baayyina dowwattootaatiin sadarkaa tokkooffaarratti kan argamu Fooksi Niiwus bara 1996tti saaqan.

Mardook dhaabbatasaanii Niiwus Koorpas jedhamu jalatti kan bulfaman miidiyaalee dhibbaan lakkaa’aman bulchu jedha gabaasni waa’ee abbummaa qabeenya isaanii ibsu.

Karaa miidiyaa hawwaasaa keenya

Tiktok: https://www.tiktok.com/@odm79?_t=8mtEBYeEFoU&_r=1
Website:https://oromodiasporamedia.org/
YouTube: https://www.youtube.com/@ODM2019 nu hordofaa, Like, Subscribe, Follow nu taasisaa!

ODM yeroo mara hawwaasa keenyaaf odeeffannoo barbaachisaa laanna!

Share this on: