Maayikrosooft gaazexessitota roobotiidhaan bakka buusuuf

Dhaabbanni maayikroosofti gaazexessitoota kontiraataa marsariitii isaa MSN irra sirnawwan hojii salphisaniin odeessaalee filataa hojjatan hedduu roobotiidhaan bakka buusuuf akka jiru midiyaaleen UK fi US gabaasan.

Wayita ammaatti odeessaalee kan walitti qaban, mata duree kan baasaniifi suuraa kan itti galchan gaazexeessitoota.

Maddeen ‘Seattle Times’tti akka himaniitti, kanaan booda hojiin kun kan raawwatamu dandeettii nam-tolcheedhaan (artificial intelligence).

Dhaabbanni ‘Microsoft’ akka jedhetti adeemsi kunis qaama fooyya’ina daldala isaarratti taasisuudha.

”Akka dhaabbata kamiyyuu daldala keenya yeroo yeroon ni gamaggamna. Kunis bakkeewwan tokko tokkootti invastimantiin akka dabalu gargaara.

Hojjattoonni bakkeewwan tokko tokkootti jiranis gara biraatti geeddaramuu danda’u. Murteen kunis weerara Covid-19 waliin wal hinqabatu,” jechuun dhaabbatichi ibsa baaseera.

Dhaabbanni maayikiroosoofti akkuma dhaabbilee teknolojii hunda dhaabbilee sabaa himaatiif maallaqa kanfaluun gabaasa isaanii marsariitii irratti maxxansu.

Gaazexessitoonni hojjatanis odeessi kami marsariitii irratti akka bahan ni murteessu turan.

Murtee dhaabbatichaa haaraa kana hordoofees, gaazexessitoonni yeroo gabaabaaf mindeeffaman 50 dhuma baatii Waxabajjii irratti hojiirraa kan gaggeeffaman ta’uu Seattle Times gabaaseera.

Haa ta’u malee gaazexessitoonni yeroo guutuun qaxaraman garuu hojiisaanii irraa akka turan himameera.

Hojjattoota hojiirraa hirrifaman keessaa tokko ”maashinoonni bakka keenya bu’uun hojii keenya akka hojjatan yaaduun haamilee namaa xuqa,” jechuun Seattle Times’tti himeera.

Gaazexessitoota hojiinsaanii dandeettii nam-tolcheen jalaa fudhatamu keessaa muraasni, maashiniin seera oogummaa hordofuun odeessa filachuu waan hindandeenyeef, odeessaalee bahuu hinqabaanne marsariitii dhaabbatichaa irratti maxxanfamuu danda’u jedhaniiru.

‘The Guardian’ akka gabaaseetti, gaazexeessitoota hojiirraa hirriifaman keessaa 27 kan Midiyaa PA, UK keessa hojjataniidha.

Gaazexeesseen tokkoo akka dubbateetti, ”Dandeettiin nam-tolcheefi maashinaa attamiin hojii keenya hunda akka nurraa fuudhatu baayyee dubbiseera. Kunoo amma hojii kiyyas fudhateera,” jechuun himeera.

Maayikirosoofti dhaabbilee teknoloojii gurguddaa baasii hirrisuuf maashiniitti gargaaramuun hojii gaazexeessummaa (robot journalism) irratti yaalii gaggeessaa jiran keessaa tokkodha.

Dhaabbanni Google akkasuma pirojaktiiwwan wal fakkaatu irratti invasti gochaa jira.

Share this on: