Magaalaa Maqiitti halkan edaa WBO’n haleellaa gaggeesseen caasaa PP kaan ajjeeseen kaan tohate.

Magaalaa Maqiitti halkan edaa WBO’n haleellaa gaggeesseen caasaa PP kaan ajjeeseen kaan tohate.

Shawaa Bahaa aanaa dugdaa magaalaa Maqiitti halkan edaa waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa fudhachuun himame.

Haleellaa gaggeesse kanaanis ajjeechaa Battee Urgessaa keessaa qaamota harka qaban kaan ajjeesee kaan ammoo fudhatee bahuu hime.

Gabaasa argame irraa hubachuun akka danda’ametti Waraanni Bilisummaa Oromoo halkan edaa magaalaa Maqii seenuun caasaa mootummaa fi waraana isaanii haleeluu ibsameera. Taateen kun raawwachuu isaas suuraan deggaruun marsaa miidiyaa hawwaasaan qoodamaa jira.

Haleellaa kanaan Kaamphii waraana mootummaa bittinneessuun hoggana waraanaa Shaanballi ta’e ajjeesuu gabaafame. Suuraalee miidiyaa hawwaasaan qoodaman irraa akka hubatametti konkolaattonni yoo gubatan mul’ata.

Magaalaan Maqii bakka qondaalli ABO Battee Urgeessaa itti ajjeefame yoo ta’u haleellaan kun haleellaa gumaa baasuu ta’uu eerame

Share this on: