Magaalaa Naqamteetti badii malee namooti ukkaanfamuun waggootaaf himata tokko malee hidhaan dararamaa jiru
Magaalaa Naqamtee mana hidhaa ganda 07 keessatti dargaggoltaaf abbootiin warraa dhibbaan lakkaa’aman dararamaa jiru.
Magaala Naqamtee ganda 07 keessatti namooti bakkeewwan adda addaa qabaman badii tokko malee, akkasuma himata tokkoon ala dararaa waggootaaf lakkoofsiseen miidhamaa akka jiran himame.
Namooti ganda kanatti hidhaman hedduun bakka hojii isaaniitii, akkasuma mana jireenyaa isaanii akka qabaman eerameera. Abbootii warraa daa’imman guddisan dabalatee namooti jireenya harkaa gara afaaniin maatii jiraachisan qabamanii hidhamanii callisaan ukkaanfamanii jiru jedhame.
Namooti ganda eerame kanatti hidhaman himata itti baname kan hin qabne, hedduun isaanii ammoo maaliif akka hidhamanuu hin beekamu jedhame. Kaan jibbee dhuunfaan hinaffaarraa namni waan inni hin qabne itti maxxansee hidhama jedhan. Kaan ammoo akkasumatti shakkiin Milishaan daandii irraa funaanee hidhee achitti dararaa jira jechuun gabaasani.
Dhalattoonni Oromoo dhibbootaan lakkaa’aman mana hidhaa kanatti yeroo dheeraaf murtoo seeraa malee ukkaamfamanii jiraachuu kan himan maatii fi hiriyoonni hidhamtoota kanaa, hidhamtooti kun murtoo haqaa akka argataniif yeroo garaagaraatti iyyataa turanillee furmaata hin arganne jedhu.
Hidhamtoota mana hidhichaatti murtoo seeraa malee waggootaaf dararaa garagaraa argaa turan keessaa, gariin isaanii torban darbe keessa gara biraatti fe’amuu ibsuun, kan ammallee mana hidhichaatti dararamaa jiranis danuu ta’uu himan.
Bulchiinsa Itoophiyaa ammaa keessatti caasaan PP tokko nama jibbee irraa qabu maqaa deggaraa WBO jedhuun kan xoqqomu yoo ta’e kallatumaan hidhama jedhan. Wayiita hidhamummoo haala yeroo maqaa jedhu itti laachuun qorannaa tokkoof himata humaa osoo itti hin banin ukkaamsanii kaahu jechuun gabaasni arganne ifoomse.